Wiixata, Onkoloolessa 20, 2014 Local time: 00:19
Audio
Multimedia
 VOA Afaan Oromoo
 VOA Amharic
 VOA Tigrigna

VOA60 Africa
VOA60 World
Kuusaa Suuraalee

Oduu

Bulchootii Addunyaa Jijjiirama Qilleensaa Irratti Mari’achuuf New York,Amerikaa Jiran

Kun kora bulchootii addunaa bara 2012 jijjiirama qilleensaa irratti mari'achuuf taahan.
x
Kun kora bulchootii addunaa bara 2012 jijjiirama qilleensaa irratti mari'achuuf taahan.
VOA

Oowwii dabalaa,cabbiin baqaa laftii durii oowwaa amma qabbanaahaa, dhukkubii namii hin beenne lafa dhufaa,garbii dabalaa wannii hedduun tahaa deemuutti jirti.Jijjiiramii qilleensaa waan hedduu hammeessa.

Bulchootii addunyaan gannuma gannaan qilleensii jijjiiramaa deemaa maan goona jedhanii mariii taahan.

Biyyootii guddatan aara hamaa makiinaa fi warshaa biyya guddatteetii bahutti qilleensa nurraa jijjiiraa jedhan.Tana diqqeessuuf ammoo warshaan diqqaachu male.Akka warshaa itti diqqeessan irratti ammoo biyyooti cufti wali hin galan.

 Kora baranaallee Amerikaatti itti jiran. Itti gaafatamaan guddaan Tokkummaa Mootummootaa Koofii Anaan akka korii kun karaa haaraa qilleensaa jijjiiramuun tohatan baasu gaafate.

“Jijjiiramii qilleensaa nagaa rakkoo hagamii hagamiin arganne,guddinna dadhabnii hedudun argannee fi badhaadhina nama biliyoona hedduu doorsisuutti jira.Hardha addunyaa karaa haaraa irra  kaahuu malle.”

Kora guyyaa tokkoo kana irratti bulchoota biyya 125 itti dhufe.Korii akkanaa kun ganna dhufe Farsansayitti taaha.

Kora kana irratti warri jijjiirama qilleensaati qabsaahu kuma dhibba hedduu tahutti hiriira bahee akka bulchootii tun dubbuu rakkoo jijjiirama qilleensaa tana qalbii dansaan irratti mari’atan gaafatan.

Amharic and Tigrigna News

  • CPJ ንመግለፂ ቀ/ሚ ደሳለኝ ዝሃቦ መልሲ
  • VOA60 America
  • ኢትዮዽያ ካብ ጥቅዓት ኣል-ሸባብ ናፃ‘ያ ይብል ምንስቴር ወፃኢ
  • VOA60 Africa
  • VOA60 World
More
Most Viewed
  1. Oromoonni kutaalee Ameerikaa gara garaatii dhufan waajjira Tokkummaa Mootummootaa, New York duratti hiriiran
  2. "Oromoo Ta’u Baadhuus Waa’een Oromoo Waa’ee Kooti"
  3. Haleellaan Shoroorkeessotaa Gaggeeffamu Mala Jedhama
  4. Malaalaa Yuusufzay,Qabssooftuu Mirga Barnoota Ijoollee Dubraa Paakistaan Noobelii Badhaasan
  5. Muummichi ministeeraa Itiyoopyaa Ebola Ittisuuf Qophee irra jirra jedhan
Most Listened
  1.  Oduu Afaan Oromoo 1730
  2.  Oduu Afaan Oromoo 1730
  3.  Oduu Afaan Oromoo 1730
  4.  Oduu Afaan Oromoo 1730
  5.  Oduu Afaan Oromoo 1730