Kamisa, Hagayya 28, 2014 Local time: 11:02
Audio
Multimedia
 VOA Afaan Oromoo
 VOA Amharic
 VOA Tigrigna

VOA60 Africa
VOA60 World
Kuusaa Suuraalee

Oduu

“Itiyoopiyaaf gargaasi kennamuu dura dhiittaan mirga namaa qoratamuu qaba”

x
VOA

Wal ta’iinsi Ejensii biyya Britin Itiyoopiyaa dhaaf deggersa yeroo kennu imaammata mirga namaa waliin bifa wal giteen ta’uu fi dhiisuu isaa akka xiinxalu manni murtii biyya Britain tokko murteessuu isaa gareen mirga namaaf falmu HW simatee jira.

Manni murti ol aanaa biyya Britain kaleessa jechuunis Adoolessa 14 bara 2014 murtii dabarseen waajjirri wal ta’iinsa sadarkaa addunyaa sun Itiyoopiyaa dhaaf deggersa yeroo kennu ragaalee dhiittaa mirga namaa agarsiisan sirriitti hin xiinxalu jechuun himannaa irratti dhiyaati qorannaa guutuu kan mana murtii barbaada jechuu isaa Margaret Bashir NY irraa gabaastee jirti.

Human Rights watch-tti itti aantuun directorri dhimmootii Afriikaa Laslii Leefkoo ibsa VOAf kennaniin murtiin mana murtii Britain tarkaanfii isa jalqabaaf ajaa’ibsiisamuu qabu jedhan.

Waa’ee gargaarsa Britain kan dubbatan Lefkoon DFID maqaa jedhamuun kan waamamu waajjirri ministeera misooma sadarkaa addunyaa gargaarsa kennu mara kan ittiin qindeessu imaammata kan qabu ta’uu isaa ibsanii imaammati kun Britain biyyoota ka biroo waliin kan qabdu hariiroon gargaarsaa mirgi namaa eegamuu isaa kan ittiin qoratuu fi mirkaneessu ta’uu ibsaniiru.

Kanaaf jecha murtiichi mana murtii kaleessaa HRW Gambeela keessatti raawwatamuu isaa quba qaba galmeesseera kan ittiin jedhu dhiitamuu mirga dhala namaa hamaa qorachuu kan dandeessisu ta’uu Lefkoon beeksisaniiru.

Dhimmi kun waajjirri misoomaa kan sadarkaa addunyaa Gameela keessatti raawwatameera kan jedhame iyyannaan dhiitamiinisa mirga namaaf akka ta’utti deebii kennuu dhabuu dhaan imaammatuma ofii isaa irra daddarbe yoo ta’u gad fageessee kan qoratu. Kun tarkaanfii isa jalqabaa maleeti. Murtii isa xumraa miti jedhan Lefkoon.

DFIDn gocha imaammata ofii isaa faallessu dalageera jechuun gaaffiin yeroo dhiyaatu kun isa jalqabaa ta’uu kan ibsan Ms Lefkown kanaaf jecha murtiin mana murtii barbaachisaa kan ta’eef jechan.

Tarkaanfii isa jalqabaa kana ni ajaaiffanna. Sababiin isaas waggoota darban keessa Gambeelaa fi naannolee ka biroo keessati imaammatqa gandeen hundeessuu waliin kan wal qabateen himannaaleen dhiittaan mirga namaa raawwatamuu isaa ibsan hedduun dhaga’amanii jiru.

Nutis akka nama mirga namaaf falmuutti dhiitamiinisi mirgaa kun haala ga’aa ta’een hordoffii dhabuun isaa nu yaaddessaa ture jedhan.

Gama biraatiin dhiyeenya kana as Washington DC keessa kan jiru waaltaa Wilson-tti qophaa’ee kan ture waltajjii marii tokko irratti argamanii kan turan Amerikaatti dubbi himaan Embassy Itiyoopiyaa obbo Wahde Belay Itiyooopiyaa keessatti ijaarsi gandeenii humnaan ijaarama kan jedhu haalanii jiran.

Gabaasaa guutuu armaa gadiitti dhaggefadhaa
Gabaasaa guutuu kutaa 1ffaa armaa gadiitti dhaggefadhaai
▶ || 0:00:00
... ⇱
 
🔇
X
  • Download

 

 

 

This forum has been closed.
Comments
     
There are no comments in this forum. Be first and add one
Oduu Afaan Oromoo 1730

Oduu Afaan Oromoo 1730

Sagantaa isa dhumaa dhaga'aa


 Wixata Mp3
 Kibxata Mp3
 Roobii Mp3
 Kamisa Mp3
 Jimaata Mp3

 

Afaan Oromoo Audio Archives

Amharic and Tigrigna News

  • ትማሊ ስምምዕ ፈሪሞም ዝተባህሉ ተቓወምቲ ደቡብ ሱዳን "ኣይፈረምናን" ኢሎም
  • ዕላል ምስ ኣይዳ ሮቤል ኪዳነ ካብ ሽወደን
  • VOA60 America
  • የኻርቱም ስምምነትና ኅዳሴ ግድብ
  • በደቡብ ሱዳን የተኩስ አቁም ስምምነት ተፈርሟል ወይስ አልተፈረመም?
More
Most Viewed
  1. Waldaan Ogeessota Seeraa Oromoo Ka Sadarkaa addunyaa hundeeffame!
  2. Baqatummaa fi Daafoo Isaa
  3. Gareeleen Wal Waraanan Walii-galtee Tolfatan
  4. Aadaa fi Seenaa abboonni nutti dabarsan kunuunsuun itti gaafatama keenya!
Most Listened
  1.  Oduu Afaan Oromoo 1730
  2.  Oduu Afaan Oromoo 1730
  3.  Oduu Afaan Oromoo 1730
  4.  Oduu Afaan Oromoo 1730
  5.  Oduu Afaan Oromoo 1730