Kamisa, Hagayya 28, 2014 Local time: 01:21
Audio
Multimedia
 VOA Afaan Oromoo
 VOA Amharic
 VOA Tigrigna

VOA60 Africa
VOA60 World
Kuusaa Suuraalee

Oduu

Dorgommii Kubbaa Miilaa Addunyaa Laatin Amerikaa fi Awurooppaatti Walti hafee eennutti Moo'a Seetan?

Jeremii fi Arjentiinaan Waancaaf bara 2014tiif Walti qophaahuutti Jiran
x
Jeremii fi Arjentiinaan Waancaaf bara 2014tiif Walti qophaahuutti Jiran
Soraa Halakee

Arjentiinaan waan Maradoonaan bara 1986 yoo biyyitii isaa Ingilaandi waliin taphatte jecha Hand of God,kubbaa harkii waaqaatiin tuqan jettu kaan tolchee golii galfatee,qaabachaa,akka waancaan Laatiin Amerikaa hin baane tolchuuf ardii ufi fulaa buutee taphatti.

Jermeniin ammoo biyya Awurooppaa ta jalqabaaf Laatin Amerikaa moohatte tahuuf taphatti.

Guyyaan 30 kaan amma ya guyyaa lamatti deebihe.Baaddiyaa Oromiyaatti haga karaa karaa biyya guddatteeti namuu woma sun odeessa.Nugusaa haga perzdaantii bahe daawwata.

Ka keessa galu galu akkuma itti galee galee ka walti hafe caphaa hidhachaa,bututa dhidhiibachaa,okkolaa,xullubaa dorgommii itti aantu ufi qopheessuutti jira.

Dorgommii waancaa kubbaa miilaa addunyaa Biraazilitti itti jiran ta gooliin 167 itti galte,sanbata dhufu Biraail istaadiyoomii Maracana keessatti dhumatti.

BiyyA 32 Biraaziltti wal sukkuumaa bahee Arjentiinaa fi Jermeniti walti hafe.

Dorgommii baranaa woma hedduun qaabanna, taphataa Urugay ka Luis Suarez gaguma jedhee tapha irratti aka kbineensa nama kutate ji’a afur tapha irraa dhaban,nugusa kubbaa miilaa ta durii Biraazil taphaan jaanjessanii waan isiin gadaa abbaa shanii keessattia argitee hin beenne biyyaa fi biyyee isii irratti gooli torba itti guuranii dhukkee irraa kaasanii dorgommi aadunyaa keessaa baasan.

Nama Gaanaa dorgommii addunyaa daawwachuuf dhufee kumaa oli  miila dhufneen malee ka galuun hin qamnu jedhu fakkaatee Biraazilitti harka kennate fa. Taphattoota akka Ronaaldoo fi Meesii faan haga silaa eganii kaan goolii hedduu galchu dhaban fa.

Woma taateefuu waancaa kubbaa miilaa ka baranaa Awurooppaa fi Laatin Amerikaatti walti hafe.Arjentiinaa fi Jermeniitti walti hafe.Argentiinaa fi Jermeniin tana waliin ganna sadeessoof waliin taphachuuf Jermenitti walti dhufan.1986,1990 fi barana 2014.

Jermeniin dorgommii barana iratti goolii 17 galfate argentiinaan saddeeti.Jermeniin walumattu biyya golii 233 galfattee addunyaa irraa tokkeessoo.Bara 1986 Argentiinaa West Jermenii 3-2 moote bara 1990 ammoo West Jermeniin Argentiinaa 1-0 moo’e.

Sadarkaa FIFAtiin Jeremniin sadarkaa kubbaa miilaatiin addunyaa keessaa lammeessoo Arjentiinaan shaneessoo.Jermeniin Thomas Muller ka goolii shan galcheef abdatti Arjentiinaan Meesii gooli afur galcheef eegatti.

Arjentiinaan Meesiin waan Diyaago Maradoonaa biyya tanaa baheen abadatti. Maradoonana ka bara 1986 gaafa Ingiliiz walin taphatan kubbaa harka waaqaatti keessa jiran jedhan harkaan tuqatee goolii galfateen qaabatan.

Barilleen sunuma guiyyaalleen sunmaa, Sanabata.Gaafa Maradoonaan akkana goolii galchee maqaan isaa addunyaatti yaamamu Meessii daahima caraqa,ganna tokko.

Amma Meesiin dhiiraa amnaa duulaatii waan hedduun eegatan.Meesiin,nama ganna 28ti lakkoofsuma Maradoonaa 10 keeyyatee tapahta.

Latin Amerikaan takkuma dorgommii waancaa adudnyaa biyya isiitti qopheessan moohamtee hin beettu.

Jermeniin  Arjentiinaan mootee biyya Awurooppaa ta Laatin Amerika biyyaa fi biyyee isii irrattti moote ta qaraa tahuuf ,Arjeentiinaan ammoo biyya Awurooppaan biyyee isii irrati moote ta qaraa dhabuuf taphatti.

Awurooppaa fi Laatin Amerikaan ya dorgommii walti baafatan.Namuu caphaa hidhachaa, buqqadhaa fi tumama nafaa dhidhiibachaa, taphaa kophii jira. Biraazilii fi Nezerlaandis bori,Waxabajjii 12,2014 Istaadiyoomii Estádio Nacional de Brasiliatti sadarkaa sadeessoo argachuuf tapahtan.

Arjentiinaa fi Jermeniin ammoo iftaan Adoolessa 13,2014 Istaadiyoomi Maracana keessatti tapahtan. Jari kun Meesii,Maradoonaa,Muller qaabachaa oduu Istaadiyoomii Estadio Do Maracana dhuftu waluum eeganna.

 

Oduu Afaan Oromoo 1730

Oduu Afaan Oromoo 1730

Sagantaa isa dhumaa dhaga'aa


 Wixata Mp3
 Kibxata Mp3
 Roobii Mp3
 Kamisa Mp3
 Jimaata Mp3

 

Afaan Oromoo Audio Archives

Amharic and Tigrigna News

  • ትማሊ ስምምዕ ፈሪሞም ዝተባህሉ ተቓወምቲ ደቡብ ሱዳን "ኣይፈረምናን" ኢሎም
  • ዕላል ምስ ኣይዳ ሮቤል ኪዳነ ካብ ሽወደን
  • VOA60 America
  • የኻርቱም ስምምነትና ኅዳሴ ግድብ
  • በደቡብ ሱዳን የተኩስ አቁም ስምምነት ተፈርሟል ወይስ አልተፈረመም?
More
Most Viewed
  1. Waldaan Ogeessota Seeraa Oromoo Ka Sadarkaa addunyaa hundeeffame!
  2. Baqatummaa fi Daafoo Isaa
  3. Gareeleen Wal Waraanan Walii-galtee Tolfatan
  4. Aadaa fi Seenaa abboonni nutti dabarsan kunuunsuun itti gaafatama keenya!
Most Listened
  1.  Oduu Afaan Oromoo 1730
  2.  Oduu Afaan Oromoo 1730
  3.  Oduu Afaan Oromoo 1730
  4.  Oduu Afaan Oromoo 1730
  5.  Oduu Afaan Oromoo 1730