Dilbata, Hagayya 03, 2014 Local time: 18:01
Audio
Multimedia
 VOA Afaan Oromoo
 VOA Amharic
 VOA Tigrigna

VOA60 Africa
VOA60 World
Kuusaa Suuraalee

Oduu

Dhaabii Qoranno fi Muuziyeemii Amerikaa, Torbaan Lamaaf Aadaa Oromoo Boorana Keeniyaatii fi Ummata Akka Akkaa DC-tti Agarsiise

Minstera Tuurisimii Keeniyaa ,Kandiye fi warra sirbaa dhufe
x
Minstera Tuurisimii Keeniyaa ,Kandiye fi warra sirbaa dhufe
Soraa Halakee
Jaarrolee Booranaa Nationa Mall,DC-tti Aadaa tana agarsiisuuf dhufan keessaa haga tokko
x
Jaarrolee Booranaa Nationa Mall,DC-tti Aadaa tana agarsiisuuf dhufan keessaa haga tokko

Smithsonian Institution,  dhaaba qorannoo fi muuziyeemii motumaan Amerikaa tohatu.Bara 1846 keessa hujii jalqabe waggaatti bajata doolara miliyoona hedduutiin hojjata.

Dhaabi kun baruma baraan mata duree Smithsonian Folk life Festival jedhuun aadaa fi seenaa biyya akka akkaa Amerikaa fidee addunyaan wal barsiisa.

Brana aadaa fi seenaa ummata Keenyaatii fi Chaayinaa dirree National Mall jedhan teessoo mootummaa Amerikaa Washington DC  jirtutti baasee sirbaan,faaruun,taphaa khoblaan,faayaa fi waan hedduun addunyaa barsiise.

Qophii tanaa Keenyaa nama 200 caaluutti dhufee,nyaata dhugaatii, seenaa,sirbaa,mana wayaa nafaatii fi faaya nama isaanii fidanii agarsiisan.

Kadir Kottoolaalleen sirbitoota qophii tanaa dhufan keessaa tokko
x
Kadir Kottoolaalleen sirbitoota qophii tanaa dhufan keessaa tokko

Qophiin torbaan lamaaf turte tun guyyaa dheengaddaa dhumatte. Aadaa Keenyaan fudhattee dhufteen keessaa tokko aadaa Boorana Keenyaa, sirba Somaalee, Kikkuyyuu,Kaleenjinii fi aadaa ummata Chaayinaa agarsiisan.

Akka Dr.Waariyoo Areeroo, ministerii aadaa,ispoortii fi aarti Keenyaa jedhutti agarsiisii tun eennummaa keenyaa haga qaraallee caala agarsiifti.

Qophii Smithsonian Institution kopheessite tana irratti sriba jabaan faarsaan,biyyaan faarsan,  aadaa fi seenaan faarsan waliin hedduu sirban bulchoota Keenyaa hedduutti itti dhufe.

Dr.Waariyoo fi ministera turiizimi Keenyaa,Kandiyitti waan agarsiisaa aadaa Amerikaa dhufanif dubbata
x
Dr.Waariyoo fi ministera turiizimi Keenyaa,Kandiyitti waan agarsiisaa aadaa Amerikaa dhufanif dubbata

Keenyaan laftii lake Turkana jedhan lafa lafeen namaa ganna miliyoona tokkoo fi ganna kuma 500 itti argan..aadaa teenna afaan qofaa mitii dudda duubatti deebinee qorannee wal barsiifnaa jedha.

Dr.Waariyo lafa Oromoo hedduu keessa deemee argee aadaa fi seenaa qamnu ka ammaatii fi ka duriillee haa waliin jabeeffannuu jedha.

Dhaabii qorannoo fi muuziyeemii Amerikaa kun barana aadaa Oromoo,ummata Keeyaatii fi ta Chaayinaa agarsiise
x
Dhaabii qorannoo fi muuziyeemii Amerikaa kun barana aadaa Oromoo,ummata Keeyaatii fi ta Chaayinaa agarsiise

 

 

 

 

 

 

 

Kutaa duraa
Kutaa duraai
▶ || 0:00:00
... ⇱
 
🔇
X
  • Download
Kutaa lammeessoo
Kutaa lammeessooi
▶ || 0:00:00
... ⇱
 
🔇
X
  • Download

 

Oduu Afaan Oromoo 1730

Oduu Afaan Oromoo 1730

Sagantaa isa dhumaa dhaga'aa


 Wixata Mp3
 Kibxata Mp3
 Roobii Mp3
 Kamisa Mp3
 Jimaata Mp3

 

Afaan Oromoo Audio Archives

Amharic and Tigrigna News

  • የአፍሪካ መሪዎች ጉባዔ በዋሺንግተን ዲሲ
  • VOA60 America
  • VOA60 Africa
More
Most Viewed
  1. hawaasa Oromoo Roobii dabre irraa eegalanii nyaataa fi dhugaatii lagachuun mormii dhageessisaa jiran.
  2. Dargaggoota Afrikaa fi Prezidaant Obaamaa as Waashington DCtti
  3. Hoogganaa ta'uun uummata ofii ofitti qabuu malee taayitaa qabatanii taa’uu miti
  4. “Hegereen Afriikaa harka Dargaggootaa jira” jedhan Giifti dureen Ameerikaa
Most Listened
  1.  Oduu Afaan Oromoo 1730
  2.  Oduu Afaan Oromoo 1730
  3.  Oduu Afaan Oromoo 1730
  4.  Oduu Afaan Oromoo 1730
  5.  Oduu Afaan Oromoo 1730