Dilbata, Hagayya 03, 2014 Local time: 17:59
Audio
Multimedia
 VOA Afaan Oromoo
 VOA Amharic
 VOA Tigrigna

VOA60 Africa
VOA60 World
Kuusaa Suuraalee

Oduu / Dirree Dimookiraasii

Filannoof Qophii Mootumman Gochaa Jiru Ajjeechaa, Hidhaa fi Doorsisa” Jedhu Mormitoonni

Namoo Daandii

Muummichi-ministaraa Obbo Haile-mariam Dessaalegni filannoo biyyoolessaa Itiyoophiyaa dhufaa jiru ka duraa irra haala wayyaaween walabaa fi Dimookiraatawaa gochuuf qophiin ga’aan godhamee jira - jechuudhaan, Wixata dabre kana, paarlaamaa biyyattiitti dubbatanii jiran. Mee sanaan haa jalqabnu.

Filannoo bara kuma lamaa fi toorba geggeessinu irratti filannoon isaa dimookiraatawaa, nagoomaa, walabaa fi kan haqaa akka tahu gochuuf mootummaan maal akka karoorfate gaaffii dhihaateef Ammaan duras akkuma beekamu, Dimookiraasiin, kanneen dimookiraasiin ittiin beekamu keessaa tokko ka tahe filannoon walaba, kan haqaa akkasumas immoo, nagaa fi dimookiraatawaa akka tahu gochuuf Mootummaan akkuma kanaan duraa akka barbaachisummaa isaatti hojii jabaa akka hojjetu ammaan dura Mana-maree kabajamaa kanaaf ibseen ture jedhan Muummichi-ministaraa Obbo Haile-mariam.

Itiyoophiyaa keessatti filannoolee ammaan dura marsaa lama geggeessamanii booda, dhuguma fooyyaa’insi argamee jiraa? jedhuuf, filannoon fuul-dura keenyaa deebii kennuu qaba jedhu xiinxaltoonni. Filannooleen lameen ammaan dura geggeessaman irratti paartiin mootummaa EHADEG dhibba irraa harka 99 fi qabxii ja’aan injifatee xumuruun isaa ni yaadatama.

Filannoo dhufaa jiru kun akkuma Muummichi-ministaraa Hailemariam jedhan, “walabaa fi dimookiraatawaa gochuuf” qophii maal maal tu godhame? Mormitoonni hoo waa’ee qophii kanaa maal beeku? Qooda akkamii keessaa qabu? gaaffiilee kanaa fi ka biroodhaaf, FINFINNEE ka jiru -waajira Kongiresa Federaalawa Ormootti bilbilee Barreessaa Paartichaa Obbo Beqqelee  Nagaa dubbisnee jirra. “Qophiin Mootummaa Nuti qabatamaan argaa jirru miseensota paartiilee mormituu karaa nagaa qabsoo geggeessan fi barattoota karaa nagaa hiriira bahan haleeluu, ajjeesuu, hidhuu fi doorsisuu dha. Keessumaa Oromiyaa keessatti caasaan bulchiisaa, abbootiin-murtii hojii seera-qabeessa hojjechuuf mirga hin qaban. Guutmmaan Oromiyaa humna waraanaan bulfamaa jirti, jechuun ni danda’ama” jedhan.

Gaaffii fi Deebii gaggeeffame caqasaa
Gaaffii fi Deebii gaggeeffame caqasaai
▶ || 0:00:00
... ⇱
 
🔇
X
  • Download

 

 

Comment on this forum
Comments
     
There are no comments in this forum. Be first and add one
Oduu Afaan Oromoo 1730

Oduu Afaan Oromoo 1730

Sagantaa isa dhumaa dhaga'aa


 Wixata Mp3
 Kibxata Mp3
 Roobii Mp3
 Kamisa Mp3
 Jimaata Mp3

 

Afaan Oromoo Audio Archives

Amharic and Tigrigna News

  • የአፍሪካ መሪዎች ጉባዔ በዋሺንግተን ዲሲ
  • VOA60 America
  • VOA60 Africa
More
Most Viewed
  1. hawaasa Oromoo Roobii dabre irraa eegalanii nyaataa fi dhugaatii lagachuun mormii dhageessisaa jiran.
  2. Dargaggoota Afrikaa fi Prezidaant Obaamaa as Waashington DCtti
  3. Hoogganaa ta'uun uummata ofii ofitti qabuu malee taayitaa qabatanii taa’uu miti
  4. “Hegereen Afriikaa harka Dargaggootaa jira” jedhan Giifti dureen Ameerikaa
Most Listened
  1.  Oduu Afaan Oromoo 1730
  2.  Oduu Afaan Oromoo 1730
  3.  Oduu Afaan Oromoo 1730
  4.  Oduu Afaan Oromoo 1730
  5.  Oduu Afaan Oromoo 1730