Dilbata, Hagayya 03, 2014 Local time: 17:56
Audio
Multimedia
 VOA Afaan Oromoo
 VOA Amharic
 VOA Tigrigna

VOA60 Africa
VOA60 World
Kuusaa Suuraalee

Oduu

Dorgommiin Waancaa Kubbaa Miilaa Addunyaa Guyyaa Afressoo Keessa Jirtii USA, Gaanaa 2-1 Moote

x
Soraa Halakee
USA-n Gaanaa 2-1n moonaan namii Washington,DC gammachuu karaatti baafate.
x
USA-n Gaanaa 2-1n moonaan namii Washington,DC gammachuu karaatti baafate.
​Dorgommii waancaa kubbaa miilaa addunyaa Biraazilitti itti jiran hardha,Waxabajjii 16,2014 waliin guyyaa afresso keessa jirti.USA waan Gaanaan bara 2006 fi 2010 mooteef haaloo baatee barana  Biraazilitti 2-1 moote.

Gooliin qaraa eegii tapha jalqabanii sekondii 32esso irratti Clint Dempsey Amerikaa galcheef. Gaanaan waan rifuun qaxi jettu fakkaattullee akkuma galii kinniisaa kaan dirree kubbaa miilaa USA baafattee namicha Amerikaa goolii eeguu kubbaan dhaanuutti dabarte.

Tanuma jidduutti taphataan Amerikaa dirree gama mirgaatii dura taphatu, Jozi Altidore adoo kubbaa Michael Bradley jidduu dabarseef dhaqqabachuuf fiiguu ribuun sarbaa bitaattii oli rifattee daqiiqaa 21eessoo tapha keessaa bahe.Yoosiyyuu USA-1-0 Gaanaa dura jirti.Innii bahee jennaan Aron Johannsson itti jijiiran.

Daqiiqaa 32essoo irralleetti taphataan Amerikaa goolii qaraa galche Clint Dempsey  isalleen funnaan keesaa dhiitanii funuuna haqachaa dirree keessaa bahee akkuma taheefuu dhiiga haqachaa itti deebihe.
 
USA-n Gaanaa 2-1 moonaan namii akkana gammadee karaatti yaahe
x
USA-n Gaanaa 2-1 moonaan namii akkana gammadee karaatti yaahe
​Tan jidduutti Gaanaan humna qabdu cufaan USAtti baafatte.Tim Howard, ka USA goolii eeguu kubbaa ijoolleen Gaanaa dhiittu ta akka rasaasaa xiixaa yaatu mirga bitaatti jijjigaa qabachaa haga daqiiqaa 70eessoo cufa goolii irraa dhowwate.

Taphattootii USA ta akka Kyle Beckerman fi Jermaine Jones kubbaa Gaanaa jidduu dabartee akka isiin gara gooli USAtti hin dhiyaannee dallaa sibiilaa itti tahan.

Akkanuma jechaa daqiiqaa 82eessoo irratti taphataan Gaanaa Andre Ayew kubbaa samoah Gyan gama itti kennee dhaqqabatee Gaanaa goolii galchee taphii 1-1 tahe.

Daqiiquma afuriin duubatti gurbaan Amerikaa ka ganna 20,ka guddoollee hin beekamne  Brooks John kubbaa Graham Zusi gamaa dhiiteefitti kuruphatee goolii Gaanaa keessaa buuseef.

Adoo Gaanaan ammallee dabaltee wanti hamtuun akka bara 2006 fi 2010 isiin Amerikaa tolchitee kaanitti dabalama jedhani eegani taphii dhumatee.Namii Ameirkaa Waashington,DC jiru fi TV daawwatullee “U-S-A!U-S-A!” jechaa biyya isaa faarsaa karaatti baafate.
Dorgommii USA fi Gaanaatti akkana nama gammaciise
x
Dorgommii USA fi Gaanaatti akkana nama gammaciise
​Gareen Amerikaan keessa jirtu groups of death ykn garee akka du’aa nama sodaachiftu jedhanii Waxabajjii 22 Poortugaalii Jeramniin 4-0 baafte taan waliin taphatti.
This forum has been closed.
Comments
     
There are no comments in this forum. Be first and add one
Oduu Afaan Oromoo 1730

Oduu Afaan Oromoo 1730

Sagantaa isa dhumaa dhaga'aa


 Wixata Mp3
 Kibxata Mp3
 Roobii Mp3
 Kamisa Mp3
 Jimaata Mp3

 

Afaan Oromoo Audio Archives

Amharic and Tigrigna News

  • የአፍሪካ መሪዎች ጉባዔ በዋሺንግተን ዲሲ
  • VOA60 America
  • VOA60 Africa
More
Most Viewed
  1. hawaasa Oromoo Roobii dabre irraa eegalanii nyaataa fi dhugaatii lagachuun mormii dhageessisaa jiran.
  2. Dargaggoota Afrikaa fi Prezidaant Obaamaa as Waashington DCtti
  3. Hoogganaa ta'uun uummata ofii ofitti qabuu malee taayitaa qabatanii taa’uu miti
  4. “Hegereen Afriikaa harka Dargaggootaa jira” jedhan Giifti dureen Ameerikaa
Most Listened
  1.  Oduu Afaan Oromoo 1730
  2.  Oduu Afaan Oromoo 1730
  3.  Oduu Afaan Oromoo 1730
  4.  Oduu Afaan Oromoo 1730
  5.  Oduu Afaan Oromoo 1730