Sanbata Diqqaa, Hagayya 02, 2014 Local time: 07:20
Audio
Multimedia
 VOA Afaan Oromoo
 VOA Amharic
 VOA Tigrigna

VOA60 Africa
VOA60 World
Kuusaa Suuraalee

Oduu

Biraazil,Jermen,Nezerlandiifi Arjentiinaan Walti Falachuutti Jiran,Biraazil Neymarii fi Silvaa Dhabuun Hagam Miidhamti?

x
Soraa Halakee

Guyyaa jahatti hafee biyyya 4tti walti hafe.Afur qofa,afran mucha saayyaa.Biyya jahatti walti hafe warrii walti hafe walti qophaahuutti jira.

Dorgommii waancaa kubbaa miilaa addunyaa biyyitii 32 jalqaban taan warri maqaa akka nyeecaa,geedalaa,risaa,sheexanaa didiimaa, geedala gammoojjii,risaa ciwwisaa,nyeenca namaa hin hille,a'arba fi warrii  kilabii ufiitii maqaa akka akkaa baase 28 keessaa gale amma afur qofatti walti hafe.

Dorgommiin sanbata kana dhumattii biyyooti walti hafan afran walti qophaahuutti jiran.Biraazilii fi Jermeniin,Nezerlaandii fi Arjentiinaan bori waliin taphatan.

Taphataan Kubbaa miilaa Biraazil beekamaan Neymar da Silva Santos,Neymaar tapha irratti cinaachii caphee wasaasan fuudhani dorgmmi keessaa bahe kaan ya biyya isaatti deebihe wallaanchuutti jira,Biraazil isa malee moohachuu dandeeti re.

Tahiga Silvaalleen tapha dheengaddaa irraa waan adabameef ta isaalleen taphatti deebihee Biraazilii taphachuun dhiba taati.Taatullee Biraazil akka dhiyoo tapha taphachaa deemtu kanatti ammallee waan hedudu irraa eegan.

Dorgommii kubbaa miilaa baraa haga ammaatti goolii 159  gale nama kuam hedduutti bahee daawwachuutti jira dorgommiin baranaa akkam akkam?

Waancaa Addunyaa ka baranaa eennutti galataan seetan,Awurooppaa moo Laatin Amerikaa?

Biyyooti Laatin Amerikaa duruu yoo dorgommii waancaa addunyaa qopheessan ufumaa moohan.Jarii afran walti hafe kun dorgmmii waancaa adudnyaa tanaa dabaruuf garee waliin dorgome keessaa tokkolleen hin moohamne.

Biraazil dorgommii biyyaa fi biyyee isii irratti qopheessitee doolara biliyoona 10tti dhiyaattu itti baafte kana ufumana moohachuu feeti.

Woma taateefuu fardilleen kanaa kooraalleen kanaan bari jalqabdi warri bori wal moohee sadakraa lammessoo fi sadeesoof walti dabra.Warri lamaan walti hafe Sannbata itti yaanu waancaa taphata.

Taphataan Arjentiinaa beekamaan Angel Di Maria tapha dhiyoo irratti miilii miidhamee tapha boriitti waan deebihu dandahu hin fakkaatuDoktorootii Di Mariaalleen dhibii luqqeettii Maira kun tapha bori biyyitii isaa Nezeraldandi waliin qabdulleetti hin deebisu jedhan.

Teenisi

Taphataan Teenisi Dirree Addunyaan beekamaan ka biyya Serbiyaa Noovak Jokoovich dorgommii Teenisi UK magaalaa Wimbledtonitti taphatan irratti taphataa biyya Swiss Roger Federer moohee tanaan lammeeffachoo jedhee addunyaa irratti tokkeessoo tahe.Namii kun tana waliin waliin dorgommii Wimbeldon tana marroo lama moohe.

Namii Jokoovich moohe kun nama marro 7 dorgommii akkanaa moohate.Noovak moohee irraa bahee jennaan qaraa marra dotii irra gadi jedhee kutatee imimmaan xuruurratee, nama waliin tapahte galateeffatee, gammachuu tana niitii tiyyaa fi ilmaan tiyya ta egeriiti fi maati tiyyaa oli  kaaha jedhee warra isa gargaare leenjisa isaatii fi hedduulleen galateeffatee badhaasa qophaaheef doolara miliyoona 200 dhiyaattu  fudahte.

Tanaafuu taphataan Teenisi Addunyaa ka qaraa Novak Jokovich, lammeessoon Roger Freder,sadeessoon ammoo Rafael Nadal.

Dorgommiin Wimbledon tun dorgommii Teenisi addunyaa bebeekmatuu keessaa tokko.

Oduu Afaan Oromoo 1730

Oduu Afaan Oromoo 1730

Sagantaa isa dhumaa dhaga'aa


 Wixata Mp3
 Kibxata Mp3
 Roobii Mp3
 Kamisa Mp3
 Jimaata Mp3

 

Afaan Oromoo Audio Archives

Amharic and Tigrigna News

  • VOA60 America
  • VOA60 Africa
  • VOA60 World
More
Most Viewed
  1. hawaasa Oromoo Roobii dabre irraa eegalanii nyaataa fi dhugaatii lagachuun mormii dhageessisaa jiran.
  2. Dimookiraasii Itiyoophiyaa: Tarkaanfii Tokko gara Fuul-duraatti Lama gara Boodaatti
  3. Dargaggoota Afrikaa fi Prezidaant Obaamaa as Waashington DCtti
  4. Hoogganaa ta'uun uummata ofii ofitti qabuu malee taayitaa qabatanii taa’uu miti
  5. “Hegereen Afriikaa harka Dargaggootaa jira” jedhan Giifti dureen Ameerikaa
Most Listened
  1.  Oduu Afaan Oromoo 1730
  2.  Oduu Afaan Oromoo 1730
  3.  Oduu Afaan Oromoo 1730
  4.  Oduu Afaan Oromoo 1730
  5.  Oduu Afaan Oromoo 1730