Sanbata Diqqaa, Hagayya 02, 2014 Local time: 13:28
Audio
Multimedia
 VOA Afaan Oromoo
 VOA Amharic
 VOA Tigrigna

VOA60 Africa
VOA60 World
Kuusaa Suuraalee

Oduu / Oromiyaa

Master Plaaniin Finfinnee magaalota addaa Oromiyaa ka Miidhu miti jedhu Angwoonni

Mana qopheessaa magaalaa Finfinnee
Malaskaachoo Ammahaa
— Waajjirri karoora qindoomina misooma magaalaalee addaa naannoo Finafinnee ibsa gaazexeessota biyya keessaa fi biyyootii alaaf kenne irratti hoji geggeessaan waajjirichaa obbo Matwos Asfaw akka jedhanitti hojiin karoora misooma qindoome kanaa erga jalqabamee waggootii lama darbee jira.

Akka karoora kanaatti hamma har’aatti kan turan karoorawwan ijoon magaalaa Finfinnee hiri’ina qaban gamaaggamuu dhaan karoora misoomaa qindaa’ee isa haaraan guutuuf yaaliin godhameera.

HIri’ina sana keessaa tokko karoorri sun misooma misooma magaalaalees haa ta’u baadiyyaa naannoo sana jiranii yaada keessa hin galchine jedhan.

Kanaaf jecha Finfinnee fi naannawaa isheetti hojjetamaa kan turan hojiin misoomaa inni tokko kan isa kaanii hubannoo keessa kan hin galchine fi qindoomina kan hin qabaanne ture jedhan.

Karoorri misoomaa qindaa’e inni haarawaan dogoggora kana sirreessuu irraan kan hafe magaalaan Finfinnees haa ta’u magaalaaleen addaa oromiyaa naannoo jiran shanan karoora misooma magaalaa kan ofii isaanii raggaasisu jedhan obbo Matiwos.

Bulchaan magaalaa Finfinnee Dirribaa Kumaa kan isaan godhan jedhan master plan kana jechuunis kan magaalaa Finfinnee fuudhanii kaabinee isaaniitti geessu. Isa qindaa’e agarsiisuu qofaaf agarsiisuu malu.

Kan isaan dhiyeessan Hektaara 52 kan taate master Plan magaalaa Finfinnee kaabinee isaaniitti dhiyeessuu dhaan raggaasisu. San booda mana maree bakka bu’ootaaf dhiyaachuu dhaan raggaasisamee seera ta’uun ba’a. Sanatu Master Plan magaalaa Finfinnee ta’ee ba’a jedhan.

Raggaasisamuu karoora magaalaalee mootummaa naannoo Oromiyaa ilaalchisuu dhaan mgaalaalee addaa shanan mootummaan naannoo Oromiyaa fuudhee akka caasaa isaatti, akka seera jiruutti magaalaalee fi bulchiinsa magaalaatti dhiyaata.

Sana booda mootummaan naannoo Oromiyaa akka seera jiruutti akka raggaasisamu taasisa. Akkataan itti raggaasisamu kana. Raawwatiinsi isaa immoo magaalaaleetti kennamee master plan magaala kanneen hojii irra oolchan immoo manneen qopheessa ti.
 
Gabaasaa Guutuu Armaa Gaditti Caqasaa
Gabaasaa Guutuu Armaa Gaditti Caqasaai
▶ || 0:00:00
... ⇱
 
🔇
X
  • Download
This forum has been closed.
Comments
     
There are no comments in this forum. Be first and add one
Oduu Afaan Oromoo 1730

Oduu Afaan Oromoo 1730

Sagantaa isa dhumaa dhaga'aa


 Wixata Mp3
 Kibxata Mp3
 Roobii Mp3
 Kamisa Mp3
 Jimaata Mp3

 

Afaan Oromoo Audio Archives

Amharic and Tigrigna News

  • VOA60 America
  • VOA60 Africa
  • VOA60 World
More
Most Viewed
  1. hawaasa Oromoo Roobii dabre irraa eegalanii nyaataa fi dhugaatii lagachuun mormii dhageessisaa jiran.
  2. Dimookiraasii Itiyoophiyaa: Tarkaanfii Tokko gara Fuul-duraatti Lama gara Boodaatti
  3. Dargaggoota Afrikaa fi Prezidaant Obaamaa as Waashington DCtti
  4. Hoogganaa ta'uun uummata ofii ofitti qabuu malee taayitaa qabatanii taa’uu miti
  5. “Hegereen Afriikaa harka Dargaggootaa jira” jedhan Giifti dureen Ameerikaa
Most Listened
  1.  Oduu Afaan Oromoo 1730
  2.  Oduu Afaan Oromoo 1730
  3.  Oduu Afaan Oromoo 1730
  4.  Oduu Afaan Oromoo 1730
  5.  Oduu Afaan Oromoo 1730