Voice of America http://www.voaafaanoromoo.com Voice of America is an international news and broadcast organization serving Central and Eastern Europe, the Caucasus, Central Asia, Russia, the Middle East and Balkan countries http://www.voanews.com/img/voa/rssLogo_VOA.gif Voice of America http://www.voaafaanoromoo.com om 2012 - VOA 60 Tue, 03 May 2016 11:53:43 +0300 Pangea CMS – VOA Itoophiyaan Gazexeessaa Wubishet Taayee Mana Hidhaatii Akka Baastu Yunaayitid Isteets  Gaafatte.   Gazexeessaa  Wubisheet Taayee Waxabajjii 19, 2011 mootummaadhan qabamee mana hidhaa seene. Odoo hin hidhamin dura paartii biyya bulchaa jiru qeequudhan barreefama maxxansee ture.  Yunaaytid Isteets mootummaan Itoophiyaa akka Wubisheet Taayee hidhaadhaa baasuu fi seera shororkeesummaa wal-mormsiisaa baasee mirga yaada ofii walabaan ibsaachuu fi miidiyaa walabaa ukkaamsuudhaaf itti fayyadamuu akka  dhaabus ni jajjabeesina jechuudhaan, Ministriin Dhimma Alaa Yunaayitid Isteets ibsa Jimaata darbe kenneen beeksisee jira. ​   ​ Wubisheet gulaalaa itti-aanaa gaazzexaa Afaan Amaaraa Aawraambaa Taayimsi jedhamuu ture. Hojii gazexesummaa han jalqabe Yunvarsiitii dhuunfaa Yuunitiitti oggaa ta'u, san booda gazzeexaa Hadaar ka torban torbbaniin maxxanfama turee fi amma cufamee jiruu gabaasaa ta'e hojjataa ture. Manni murtii Finfiinneetti argamu Amajjii 19,2012, himannaa shororkeessummaan walqabateen yakkamaa ta'uu isaa mirkaneefadhe, hojii shororkeessummaatiifkafalttii fudhateera jechuudhan hidhaa oggaa 14 itti murteesse jira. Wubisheet mana hidhaa Zuwaay jiraachuu isaa fi  dhukbsachuun isaas gabaafameera.     http://www.voaafaanoromoo.com/a/yunaaytid-isteets-wubishet-hidhaadha-akka-bahu-gaafatte/3311768.html http://www.voaafaanoromoo.com/a/yunaaytid-isteets-wubishet-hidhaadha-akka-bahu-gaafatte/3311768.html Mon, 02 May 2016 17:34:42 +0300 OduuItiyoophiyaanoreply@voanews.com (Oduu VOA)http://www.voaafaanoromoo.com/a/yunaaytid-isteets-wubishet-hidhaadha-akka-bahu-gaafatte/3311768.html#relatedInfoContainer UNICEF: Naayijeeriyaatti Baayyinni Ijoollee Bokkoo Haraam Boombii Ajjeesanii Du'uutti Itti Fayyadamuu Dabalaatii Jira UNICE:BOKO Haraam ijoollee hedduu ufi ajjeesisuutti jira http://www.voaafaanoromoo.com/a/unicef-bokkoo-haraam-ijoolee-bombii-duanii-ajjeesutti-fayyadamu-itti-fufe/3282796.html http://www.voaafaanoromoo.com/a/unicef-bokkoo-haraam-ijoolee-bombii-duanii-ajjeesutti-fayyadamu-itti-fufe/3282796.html Tue, 12 Apr 2016 22:08:20 +0300 OduuAfrikaanoreply@voanews.com (Oduu VOA)http://www.voaafaanoromoo.com/a/unicef-bokkoo-haraam-ijoolee-bombii-duanii-ajjeesutti-fayyadamu-itti-fufe/3282796.html#relatedInfoContainer Itoophiyaatti Ijoollee Miliyoona 500 Caalanitti Beelaaf Saxilame Dura teechuun dhabbata  Sev Ze ChiildIreen (Save the Children) Addee  Helee Toorning Echimid Itoophiyaa bakka beelli itti hammaate dawwatan.Akkaa dhabbata kanaatti beela bara baranaa Itoophiyaa muudateen, ijoolleen miliyoona walakkan dhukkuba nyaata dhabuudhan walqabateen midhamaniru. Namni miliyoona 10 olis beelaheera.   AddeHele ToorningEchimidit naanoo onggee kanaan rukkutame keessa bakka dawwatanitti waan argaan ogaa ibsan, "namoonnin ani kaleessa arge namoota jiruuf jireenya isaanii dhabani" jedhani hawaasni addunyaa odoo rakkinni kun caalaa hin hammaattin gargaarsa akka godhu waamicha dhiheesaniru.   http://www.voaafaanoromoo.com/a/hogantuun-sev-ze-chiildren-itoophiyaa-dawatan-/3280040.html http://www.voaafaanoromoo.com/a/hogantuun-sev-ze-chiildren-itoophiyaa-dawatan-/3280040.html Mon, 11 Apr 2016 22:18:44 +0300 OduuAfrikaaAddunyaaItiyoophiyaanoreply@voanews.com (Oduu VOA, Tigist Gammee)http://www.voaafaanoromoo.com/a/hogantuun-sev-ze-chiildren-itoophiyaa-dawatan-/3280040.html#relatedInfoContainer Fixiinsi Duguuginsa Sanyii Bara 1994-ii Rwaandaa Harra Yaadatamee Oola Korri Walii-galaa ka Tokkummmaa Mootummotaa ,Mudde 23, bara 2003 marii geggeesse irratti, har’i, jechuun Ebli 7, guyyaa fixiinsi duguuginsa sanyii bara 1994-ii Rwaandaa keessatti itti jalqabeef yaadannoo ta’ee akka Addunyaa irratti yaadamu murteessuun ni yaadatamaa. Har’aa waggaa 22ffaa guyyaa fixinsaa kana tu guutummaa Addunyaa irratti yaadatama.  Walitti bu’insaa Ruwaandaatti oggaa 22 dura ta’ee saniin namoonni 800, 000 lubbuu isaanii dhabaniiru. Pireesdaantiin biyyattii, Powul Kaagaamee, sagaantaa yadannoo oggaa 22ffaa harra ibsaa sidaa Giisoozii jedhamuu, han Kigaalii jiru biratti ibsuudhan jalqabsiisaniiru.  Ibsaan isaan qabsiisan kun guyyaa 100 tura.     http://www.voaafaanoromoo.com/a/3275043.html http://www.voaafaanoromoo.com/a/3275043.html Thu, 07 Apr 2016 21:31:05 +0300 OduuAfrikaanoreply@voanews.com (Oduu VOA)http://www.voaafaanoromoo.com/a/3275043.html#relatedInfoContainer