Voice of America http://www.voaafaanoromoo.com Voice of America is an international news and broadcast organization serving Central and Eastern Europe, the Caucasus, Central Asia, Russia, the Middle East and Balkan countries http://www.voanews.com/img/voa/rssLogo_VOA.gif Voice of America http://www.voaafaanoromoo.com om 2012 - VOA 60 Thu, 07 Apr 2016 21:13:08 +0300 Pangea CMS – VOA Namootni Godinaalee Oromiyaa kaanirraa Moyyaalee Deeman Poolisiin Magaalattii Sababa Malee Nu Hidhaa Jira Jechuun Komatan. Dhalattoonni Oromoo godinaalee Oromiyaa biroorraa gara Magaala Mooyyalee dhimma dhuunfaa isaaniif deeman Poolisiin Mootummaa Naannoo Somaalee seeraan ala qabee nu hidhaa jiraa jechuudhaan himatan. Dhalataan Oromoo poolisii mootummaa naannoo somaaleen ji’a lamaa ol hidhame jedhu tokko akka Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf himettii, poolisoonni kuni utuun waraqaa eenyummaakoo ibsu isaanitti agarsiisuu humnaan na fuudhanii mana hidhaatti na darbanii jedha. Waa’ee hidhamuu namoota kanaa Raadiyoon Sagalee Ameerikaa bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa gartokkee magaalattii bulchu gaafatus, bulchiinsi Oromiyaa magaala Moyyaalee garuu dhimma kana ilaalchisee yaada kennuu hin dandeenyu jedhan. Gabbasnni Galmoo Daawit qindeesse kunooti. Yeroo dhiyoodhaa as kana Godinaalee Oromiyaa kaanirraa gara Magaala Moyyaalee dhimma dhuunfaa isaaniitiif namootni dhufan humni poolisii Magaala Moyyaalee sababa malee nu hidhaa jiraa jechuun komii himatan. Akkas jechaan ka himatanis, baayyeen isaanii hojii humnaa barbaacha, kaanimmoo dhimma dhuunfaa mataa isaaniif jecha gara magaala Moyyaalee kan deemaniidha. Namootni kunis akka Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf himanittii, kan hidhaa nurraan gayaa jiru qaama magaalattii gartokkee bulchu mootummaa naannoo somaaleetii jedhu. Dargaggoon Godina Shawaa Lixaatii hojii humnaa hojjedhee bulu barbaacha Moyyaalee dhufe jedhu akka jedhuttii waraqaa eenyummaakoo himu utuun poolisoota na gaafatanitti agarsiisuu isaan garuu sana dhiisanii ji’a lama guutuu akkasumaan na hidhanii jedha. Inni biroommoo barataa koolleejjii Godina Arsii Lixaarraa gara Moyyaalee osoo bilbila bitachuuf deemuu qabamee bultii 15 hidhamee bahe jedhuudha. Innis magaala moyyaalee naannoo quxxebaa jedhamuttii godinaalee Oromiyaa kaanirraa dargaggoonni dhufan hidhamanii jiraachuu isaanii dubbata. Barataan kunis dabaluudhaan turtii bultii 15 booda mattaha yookiin gubboo kennee akka bahe hima. Garuu hiriyaan isaa isa waliin qabame kan maqaan isaa fayisaa yaadaa jedhamu sababa sirbi afaan oromoo bilbila isaa keessatti argameef amma yoonaa mana hidhaa naannoo quxxebaa keessa akka jiru dubbata. Bakki mana hidhaa kunis asxaa ykn alaabaa akka hin qabnee mana dhuunfaa akka tahe darbees namni yoo gaaffiif deemellee akka eegdonni hidhamtoota kana gaafachuuf nama hin seensifne dargaggoonni hidhamanii bahani kuni Raadiyoonii Sagalee Ameerikaaf himaniiru. Dhimmi kuni bakka raawwatamaa jira jedhame, bulchiinsa naannoo Somaalee magalaa Moyyaalee akka yaada nuuf kennaniif irra deddeebiin gaafannus qaama bulchiinsaas tahe qaama poolisii keessaa nama yaada nuuf kennu argachuu hin dandeenye. Gama birootiin gartokkee magaalaa Moyyaale kan bulchu bulchiinsa naannoo Oromiyaa magaalattiitiif waa’ee hidhamuu dargaggoota kanaa yoo gaafannu yaada isiniif kennuu hin dandeenyuu jedhan.     http://www.voaafaanoromoo.com/a/poolisiin-moyaalee-oromoota-godina-biraatti-achii-dhaqaan-hidhaa-jirachuu-himatama/3274471.html http://www.voaafaanoromoo.com/a/poolisiin-moyaalee-oromoota-godina-biraatti-achii-dhaqaan-hidhaa-jirachuu-himatama/3274471.html Thu, 07 Apr 2016 16:24:43 +0300 OduuAfrikaaItiyoophiyaanoreply@voanews.com (Galmoo Daawit)http://www.voaafaanoromoo.com/a/poolisiin-moyaalee-oromoota-godina-biraatti-achii-dhaqaan-hidhaa-jirachuu-himatama/3274471.html#relatedInfoContainer Dhimmi Dabbasaa Guyyoo Mana Murtii Keeniyaatti Laallame Manni murtii Keeniyaa nama Dhabamuu Obbo Dabbasaa waliin walqabatee himatame irraatti ragaa dhaggeeffate.  Obbo Dabbasan nama ganna 70ti,  keeniyaa erga jiraachuu jalqabanii waggaa 30 ol yoo tahu, fulbaana 27 erga ayyaana Irreechaa miseensota hawaasa baqattoota Oromoo as Naayiroobii jiraatanii waliin kabajanii booda, bakka buuteen isaanii dhabame. Ergasiis maatiin isaanii mootummaa keeniyaaf kan beeksisan yoo ta’u, haga yoonaa garuu maanguddoon kuni eessa akka jiran baruun hin dandaa’amne. Dhimma kana ka hordofaa jiru Poolisii Keeniyaa yoo ta’u, nama dhimma kanaan wal qabatee shakke jedhu irrattis Mana Murtii Naayiroobii Makadaraatti bitootessa gaafa 16/2016 ragaa dhaggeeffattee sanaan booda ammas ragaa hafe dhaggeeffachuuf beellama onkoloolessa 13, bara 2016 tti qabatee jira. Haa ta’uyyuu malee hawaasni baqattoota Oromoo Naayiroobii jiraatan, Obbo Dabbasaa Guyyoo barbaachuudhaaf sochii gahaan hin godhamne jechuun komatu. Obbo Dabbasaan mana obbo Shaamil Aliyyiitii bahanii dhabamani, Dhaddacha kan-irrattis akka ragaatti uffanni fi meeshaaleen aadaa Obbo Dabbasaan gaafa ayyaana irreechaa uffatanii fi qabatanii turan ka dhiyaatani yoo ta’u, dhimma kanaan wal qabatee abukaatoo obbo shaamil yoo gaafannu ‘meesholiin kuni mana obbo Shaamilitti argamuun ragaa guutuu ta’ee Obbo Shaamiliin yakkamaa hin taasisuu’ jechuun waraabbii sagaleetiin ala nuuf himanii jirani. Maanguddoon kun Lafa Keeniyaa keessa waggaa 30 ol jiraataniiru, irra caalaas baqattoota Oromoo as Naayiroobii jiraatani duukaadha baayyee walitti siqu turani. Hawaasa baqattoota Oromoo Naayiroobii jelatti gumii aadaa fi seenaa Oromoo baqattoota barsiisu tokko kan maqaan isaa isaa Argaa fi Dhageettii jedhamu keessatti, barsiisaa fi gaggeessaa akka turan miseensi gumii kanaa  kan maqaan isaanii akka dhahamu hin feene tokko nuuf himaniiru. Dhaddacha bitootessa 16 taa’ame kana irrattis, maatiin Obbo Dabbasaa Guyyoo argamanii jirani. Mucaan isaanii ka taate Darmii Dabbasaa Guyyoo akka jettuttii, dhimma mana murtii jiru kana irraa tarii abbaan koo argamuu…. argamuu dhabuus danda’aa ani garuu hamman danda’e kophaa koo ta’us deddeebi’ee gaafataan jira jetti. Poolisii Keeniyaas sadarkaa barbaachi maanguddoo kanaa maal irra akka jiru baruuf gaafannus, dhimmi kuni mana murtii jira kanaaf yeroodhaaf yaada itti kennuu hin dandeenyu deebii jedhu nuuf kennan. Onkoloolessa dhufus dhaddachi waa’ee dhabamuu obbo Dabbasaaf taa’u kuni kan inni walitti deebi’u, ragaa nama dhuunfaa tokkoo fi kan poolisii tokko dhaggeeffachuudhaafi.     http://www.voaafaanoromoo.com/a/3251543.html http://www.voaafaanoromoo.com/a/3251543.html Wed, 23 Mar 2016 22:26:58 +0300 AfrikaaItiyoophiyaanoreply@voanews.com (Galmoo Daawit)http://www.voaafaanoromoo.com/a/3251543.html#relatedInfoContainer Keeniyaan Lammilee Itiyoophiyaa Seeraan Ala Biyyattii Seenan jette 23 Naayiroobii Naannoo Kahaawaa Weestitti To'annaa Jala Oolchite. Lammileen Itiyoophiyaa 23 ta’an seeraan ala Keeniyaa seenan magaala guddoo biyyattii Naayiroobii keessatti to’annaa poolisii jela oolani. Godaantonni kuni Naayiroobii Kahawaa Weest bakka jedhamutti kaleessa ka qabaman yoo ta’an, mana Murtee kutaa Bulchiinsa Kiyaambuutti dhiyaatanii dhimmi isaanii akka gadi fageenyaan qoratamuuf beellamni torbee tokkoo isaaniif kenneera. Namni lammilee Itoophiyaa kana isaan simate eenyummaan isaa haga yoonaa ka hin beekamne yoo ta’u, jiraattonni naannawa sanii garuu lammileen Itoophiyaa kuni ajjeechaa shofeera mootoraa kibtaxa darbe Kahawaa Weestitti ajjeefame keessaa harka qabaachuu hin hafne jechuun himatanii jirani. Yeroo sanattis humna poolisii lammilee Itoophiyaa qabuu dhufe kana duuka ka walitti bu’anii turan yoo ta’u, poolisiin keeniyaas namoota kana tamsaasuuf dhukaasa akeekkachiisaa dhukaaseera. Itti aanaa ajajaa humna poolisii kutaa bulchiinsa Kiyaambuu ka ta’an Officer Joonisten Liyaambiilaa garuu yakka jedhame kana keessa harki lammilee Itiyoophiyaa kun hin jiruu jechuun Raadiyoonii Sagalee Ameerikaaf himaniiru.   http://www.voaafaanoromoo.com/a/keeniyaan-lammilee-itoophiyaa-seeran-ala-biyyatti-seenan-toanna-jala-oolchite/3229527.html http://www.voaafaanoromoo.com/a/keeniyaan-lammilee-itoophiyaa-seeran-ala-biyyatti-seenan-toanna-jala-oolchite/3229527.html Thu, 10 Mar 2016 23:37:13 +0300 OduuAfrikaaItiyoophiyaanoreply@voanews.com (Galmoo Daawit)http://www.voaafaanoromoo.com/a/keeniyaan-lammilee-itoophiyaa-seeran-ala-biyyatti-seenan-toanna-jala-oolchite/3229527.html#relatedInfoContainer Keeniyaan Humna Poolisii Haaraawa Leenjisuufi Pirezedaantiin Keeniyaa humni poolisii biyyattii haarawaan kumni kudhan haaraan lafaa akka filaman ajaja dabarsani. Uhuuruun kana ka dubbatan kaleessa Naayiroobii Imbakaasiitti yeroo humnoota poolisii biyyattii haarawa 1900 ol ebbisiisaniidha. Keeniyaan garee warra shororkeessitootaa ka ta’e Alshaabaabiin haleellaa hedduun lammilee biyyattiirratti ka dhaqqabu yoo ta’u, pirezident Keeniyaattaan dubbii isaanii kaleessaatiinis Keeniyaa gocha Aalshabaabii fi kaan irra ishee eeguudhaaf lakkoofsa humna poolisii biyyattii olkaasuun murteessaa ta’uu dubbatanii jirani. Rakkoo dhimma nageenyaa Keeniyaan qabdu ilaalchisuudhaan pirezidentiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaattaa humnootni poolisii haarawaa 10,000 akka dafanii filamanii leenjii jalqaban ajaja dabarsani.  Kaleessa waaree booddee Naayiroobii buufata leenjii poolisoota Keeniyaa Imbaakaasiitti poolisoota haaraa 1976 yoo eebbisiisan dubbii dubbataniin  Keenyaattaan, keessumaa rakkoo nageenyaa biyyattiin qabdu furuuf jecha qaama hoji raawwachiiftuu biyyattii ka ta’an poolisoota biyyattii lakkoofsa isaanii olkaasuu barbaachisaa ta’uu dubbatu. Poolisoonni eebbifaman 1976 waggaa dabre kaasanii leenjiirra ka turan yoo ta’an waggaa dhufu ji’a gurraandhalaattis poolisoota biroo kum-kudhan eebbisiisnee hojiif bobbaasuu akka dandeenyuuf  leenjifamtoonni haaraan kum-kudhan dafanii akka filamann ajaja dabarseera jedhu pirezident Keenyaattaan. Kana maleesimmoo biyyattiin waggaa dhufu filannoo biyyaalessaaf  filattoota galmeessaa ka jirtu yoo taatu, poolisoonni filamuuf jedhaman kum-kurneen kunis filannoon kuni utuu hin jalqabin akka hojiif gahan himameera. Qaamolee tajaajila hawaasaa jiraattota biyyattiif kennan keessaa humni poolisii biyyattii keessumaa karaa malaammaltummaa rakkoo akka qabu lammileen biyyattii hedduun yoo dubbatan, kana maleesimmoo dhaabbileen biyyattii mirgoota namummaaf dhaabbatan hedduun poolisiin Keeniyaa lammilee biyyattii irratti alii al gocha gara jabdummaa fi seeraan ala ta’e fudhataa jechuun himannaa hedduu dhiyeessu. Keessumaa saba himaan Aljaazeera Media Network gabaasa isaa waa’ee haala qabiinsa mirga ilma namaa poolisii keeniyaa ilaallatu ka bara 2015 tamsaaseen akka ifoomsettii, poolisoota biyyattii keessa ajjeechaaf ka qacaramanii hojjetan akka jiran saaxiluun isaa ni yaadatama. Akka gabaasa yeroo saniittis bara 2014 keessa qofaa Magaala guddittii Naayiroobii keessatti lammmileen biyyattii 127 ta’an poolisiidhaan ajjeefamaniiru. Himannaa kanas mootummaan biyyattii yoosuu ka haale yoo ta’uu, humnoota poolisii haarawa hojii jalqabuuf jedhaniinis Keeniyaattaan malaammaltummaa fi gocha badaa kaanirraa of qusattanii akka saba keessan tajaajiltaniif bulchiinsi kiyya waan fedha keessanii isiniif guutuuf ni carraaqa jedhan. http://www.voaafaanoromoo.com/a/keeniyaan-humna-poolisii-haaraawa-leenjisuufi-kenya/3216596.html http://www.voaafaanoromoo.com/a/keeniyaan-humna-poolisii-haaraawa-leenjisuufi-kenya/3216596.html Wed, 02 Mar 2016 21:29:03 +0300 OduuAfrikaaItiyoophiyaanoreply@voanews.com (Galmoo Daawit)http://www.voaafaanoromoo.com/a/keeniyaan-humna-poolisii-haaraawa-leenjisuufi-kenya/3216596.html#relatedInfoContainer Koleeraan Moyaalee Keessatti Lubbuu Galaafate Jiraattonni Magaalaa Moyyaalee dhibeen Koleeraa akka isaan rakkisaa jiru Raadiyoonii Sagalee Ameerikaaf himan. Jiraattonni kuni akka jedhanittii, dhukkubi kuni erga mullachuu jalqabee torbee sadii ol kan lakkoofsise yoo ta’u, haga yoonaas lubbuun namoota lamaa sababa kanaan darbuu dubbatanii, dubartii ulfaa tokkorraas ulfi ji’a torbaa irraa baheera jedhu. Dhukkuba kana yeroon to’achuuf jecha mootummaan carraaqqii gahaa hin goonee jechuun komii yoo dhiyeeffatani jiraattonni kun. Itti gaafatamaa buufata fayyaa magaala Moyyaalee ka ta’an Obbo Boruu Huqqaa waa’een koleeraa ka’uun kuni dhugaa ta’uu amananii haalli dhukkuba kanaa to’annoo jelaa kan bahe mitii jechuun dubbatu. Obbo Booruun dhukkuba kana to’anneerra jiraattonnis hagas rakkataa hin jiran haa jedhaniyyuu malee, jiraataan magaalattii Obbo Zegeyyee jedhaman garuu  ammaa rakkoon dhukkuba kanaa jiraachuu dhugaa bahu. Dhimma lubbuun namaa sababa dhukkuba kanaa darbuu Obbo Booruun ‘sababa dhukkuba kanaa lubbuun namaa darbe hin jiru’ jechuun dubbii jiraattonni magaalattii dubbatan haalanii jirani. http://www.voaafaanoromoo.com/a/3213088.html http://www.voaafaanoromoo.com/a/3213088.html Mon, 29 Feb 2016 21:42:42 +0300 OduuAfrikaaItiyoophiyaanoreply@voanews.com (Galmoo Daawit)http://www.voaafaanoromoo.com/a/3213088.html#relatedInfoContainer Taanzaaniyan Godaantota Itiyoophiyaa 83 Seeraan Ala Biyyattii Seenan Hidhaa Waggaa sadi'ii Itti Murteessite Mootummaan Taanzaaniyaa Godaantota lammilee Itiyoophiyaa 83 kan seeraan ala biyyattii seentan jedhamanii himataman hidhaa waggaa 3tiin yookiin adabbii qarshii Shiilingii Taanzaaniyaa miiliyoona 1 akka adabaman murteesse. Lammileen Itiyoophiyaa kutaa kibba Taanzaaniyaa Iriingaatti walakkeessa ji’a amajjiitti qabaman  jimaata darbe mana murteetti ka dhiyaatan yoo ta’u, murteen manni murtichaa isaanirratti dabarses hedduu akka isaan naasise gaazexeessaan kutaa bulchiinsa Iiringaa jiraatu Firaayidey Simbaayaa Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf himeera. Kana malees dhaddachi kuni lammilee Taanzaaniyaa lama kan godaantota kana seeraan ala fuudhanii deemaa turan hidhaa waggaa 5 yookiis adabbii qarshii Shiilingii Taanzaaniyaa miiliyoona 1.5 isaan adabeera. Dhimma murtee godaantotaa kana ilaalchisuunis Raadiyoon Sagalee Ameerikaa waa’een kun ka isa ilaallatu waajjira Iimbaasii Itiyoophiyaa gaafachuuf yaalus osoo hin milkaa’in hafeera.   http://www.voaafaanoromoo.com/a/taansaaniyan-godaantota-itoophiyaa-83-hidha-waggaa-sadii-murteessite/3195197.html http://www.voaafaanoromoo.com/a/taansaaniyan-godaantota-itoophiyaa-83-hidha-waggaa-sadii-murteessite/3195197.html Wed, 17 Feb 2016 22:05:18 +0300 OduuAfrikaaAddunyaaItiyoophiyaanoreply@voanews.com (Galmoo Daawit)http://www.voaafaanoromoo.com/a/taansaaniyan-godaantota-itoophiyaa-83-hidha-waggaa-sadii-murteessite/3195197.html#relatedInfoContainer Godaantoti Itiyoophiyaa Harka Taanzaaniyaa Seenan Poolisiiin Taanzaaniyaa baqattoota lammilee Itiyoophiyaa 44 ta’an kutaa bulchiinsa biyyattii Taangaa jedhamtu keessatti to’annoo jala oolche. Lafti isaan itti qabaman Taangaan kallattii kaaba baha Taanzaaniyaatti argamtu yoo tahu baqattoota kanaa gara magaala guddoo biyyattii Taanzaaniyaa seenuu akka ta’e ajajaan poolisii kutaa bulchiinsa Taangaa Koomaander  Miskeeyilaa Mis-haayoo dubbatanii jirani. Baqattoota kana keessaa tokko ka ta’en Solomoon Fiqruu ka’umsi deemsa isaanii Moyyaaleerraa akka jalqabee fi hojii barbaacha gara Taanzaaniyaa akka dhufan dubbata.  Solomoon Fiqruu Baqataan seeraan ala Taaanzaaniyaa seente jedhamee poolisii biyyattiitiin qabame wanni jedhu ‘nuti Itiyoophiyaa dhaa dhufnee, Moyyaaleerraa kaasee haga asii ka nu fides konkolaachisaa keenya kana. Nuti waanti nu feenu yoo jiraate hojii hojjennee ittiin of bulchinu dha’  Solomoon to’annaa poolisii Taanzaaniyaa jala kan oole lammilee Itiyoophiyaa 43 ta’anii waliiniin ture. Ka’umsi deemsa isaanii magaala daangaa Keeniyaa fi Itiyoophiyaa Moyyaalee yoo ta’u utuu milkaa’eefii silaa magaala guddoo Taanzaaniyaa Daar Es Selaam seenuu akka ture dubbata. Kutaa bulchiinsa Kaaba baha Taanzaaniyaa kan taate Taangaa keessattis sakatta’a kellaa irratti ka qabaman Solomooni fi lammileen Itiyoophiyaa kaan amma to’annoo poolisii biyyattii jela jiru. Ajajaa Humna Poolisii Taangaa kan ta’an Koomaander Miskeeyilaa Mis-haayoo, baaqattoonni kuni ka to’annoo poolisii jala oolan  bakka adda addaatti ta’uu dubbatu.  Dursa ka qabaman bakka Koorugwee jedhamutti yoo ta’u isaan kaanimmoo dheengadda Kibxata darbe Taangaa dhuma keessatti bakka Misaambiyaazii jedhamutti humna poolisii naannoo saniin to’annaa jala oolan. Baqattoota Itoophiyaa kana kan konkolaataa fe’umsaatiin sharaa itti uwwisee isaaniin deemaa ture konkolaachisaan tokko yoosuu to’annaa jala yoo oolu haalli isaan itti fe’amanii deemaa turan silaa ka balaaf isaan saaxiluu danda’u akka ture Koomader Miskeeyilaan dubbatanii jirani. Baqattoonni kun amma kutaa bulchiinsa Taangaa keessa to’annaa poolisii jela ka jiran yoo ta’u, ajajaan poolisii naannochaas seeraan ala daangaa Taanzaaniyaa cabsanii waan seenaniif ni himatamu jechuun dubbatan. Amajjii darbes lammileen Itiyoophiyaa 80 ol ta’an daangaa Taanzaaniyaa fi Maalaawii gidduutti poolisii Taanzaaniyaan qabamanii kan turan yoo ta’u baqattoonni haaraan amma qabaman jedhaman 40 ol ta’an kun yoo itti dabalaman lakkoofsi baqattoota Itiyoophiyaa to’annaa poolisii Taanzaaniyaa jala jiranii gara 120tti ol kaasuu isaati. Dhuma ji’a darbee keessas mootummaan Taanzaaniyaa lammilee Itiyoophiyaa seeraan ala biyyattii keessatti qabaman kana gara Itiyoophiyaattin deebise erga jechuun beeksisus, haga yoonaa garuu baqattoota sana ifaan gara biyya isaaniitti deebisee erguu isaa  waanti  dubbate hin jiru. Kaayyoon baqattoota Itiyoophiyaa Taanzaaniyaa jiraniis, Taanzaaniyaa fi biyyooota kaan naannoo sana jiran qaxxaamuruun gara Afriikaa Kibbaa deemuu yoo ta’u yaada isaanii kana fiixaan baasuufis dallaalota seeraan ala isaan erganiif gara doolaaara Ameerikaa 2000 kaffalu. Mootummaan Taanzaaniyaas keessumaa barana erga Itiyoophiyaa keessatti rakkoon hanqina midhaan nyaataa mullate jedhamee as lammileen Itiyoophiyaa gara Taanzaaniyaa dhufan dabaleeraa jechuun dubbateera. Dhimmi kuni kallattiin ka isa ilaallatu waajjirri qoonsula Itiyoophiyaa Keeniyaa Naayiroobii jiru garuu waa’ee lammilee Itiyoophiyaa haarawa qabamaniis ta’e kan duraan to’annaa poolisii Taanzaaniyaa jala homaa hin dubbanne.   http://www.voaafaanoromoo.com/a/3187054.html http://www.voaafaanoromoo.com/a/3187054.html Thu, 11 Feb 2016 22:57:07 +0300 OduuAfrikaanoreply@voanews.com (Galmoo Daawit)http://www.voaafaanoromoo.com/a/3187054.html#relatedInfoContainer Manni Murtiin Keeniyaa Barattoonni Oromoo Seeraan Ala Biyyatti Seenan Akka Itiyoophiyaatti Deebi’an Murteesse Barattoonni Oromoo fi lammilee Itiyoophiyaa kaan daangaa Keeniyaa seeraan ala seentan jedhamanii qabaman 28 ol ta’ani Marsaabititti dhadhacha mana murtiin akka Itiyoophiyaatti  deebi’an murtaa’e. Baqattoonni kuni torbee lamaan dura, Kaaba keeniyaa Kutaa bulchiinsa Maarsabiititti qabamanii ka turan yoo ta’u, himannaa himatamaniinis murteen akka Itiyoophiyaatti deebi’an jedhu irratti darbeera. Dhimmi isaanii kunis gadi fageenyaan akka ilaalamuuf dhaabbanni Baqataa tokkummaa mootummootaa UNHCR dameen Keeniyaa abukaatoo ergee ka turee fi mirga baqattoota kanaa eegsisuuf yaaleeraa jedha. Duuk Mwaanchaa dubbi himaan dhaabbatichaa damee Keeniyaa waraabbii sagaleen ala raadiyoonii VOA f akka himettii, ‘dhaabbanni UNHCR mirga baqattoota kanaa eegsisuuf abukaatoo ergus, baqattoonni kuni garuu kooluu kan barbaadan waan hin taaneef dhimma kana gidduu seenuu kana caalaa hin dandeenyee’ jechuun dubbatani. Mr. Mwanchan dabaluunis, baqattoota kanneen kana keessaa garuu namni tokko koolu galtummaa waan gaafateef inni mirgi baqattummaa isaa akka eegamuuf gaaafannee dhiyootti gara Nairoobiitti akka darbu goonaa jedhan. Haala murtii baqattoota kana irratti darbees mootummaa Keeniyaatti, waajjira dhimma Baqataa DRA’n, dhimmi baqattoota kana ofirra deebisuu dhugaa ta’uu nuuf himanii jirani. Akka odeeffannoo waajjirichaattis galmee baqattootaa dura kan gaggeessu Kutaa bulchiinsaa ykn County baqattoonni suni keessatti qabamaniidha. Murtee mana murtiitiitiin booda waajjirri kuni baqattoota ofitti ka fudhatu yoo ta’u, sanaan ala seenee yaada kennuu fi tarkaanfii fudhachuuf itti gaafatama hin qabu jechuun ibseera. Haa ta’uyyuu malee baqattoota eegumsa addaa barbaadanii akkamitti sadarkaa Kutaa bulchiinsaatti (County)tti mirga isaanii eegsisuun dandaa’amaa? Baqattoonni kuni rakkoo nageenyaaf  hin saaxilamanii gaaffii jedhuuf, waajjirichi, ‘amma humnoota poolisii naannoo daangaa biyyattiirra jiraniif leenjii akka itti baqattoota simatan kennuuf qophiirra jirraa deebii’ jedhu nuuf kenne. Haalli baqattoota murteen itti darbee kuni amma waanti beekame jiraatuu baatus, garuu waajjirri dhimma Baqataa Keeniyaa akka isaan hatattamaan hiikamanii gara biyya isaaniitti deebi’aniif waan dandeenye hin yaallaa jechuun dabalataan dubbateera. Dhimma kana kan murteesse mana murtee Kutaa bulchiinsa Maarsabiit yoo ta’u haala baqattoota kanaa gadi fageenyaan isaan irraa baruuf yaaliin nuti yeroo dheeraaf goone hin milkoofne. Ji’a muddee keessas keeniyaan lammilee Itiyoophiyaa gara 25 ol kan naannoo Moyyaaleetti fi Meeruutti qabaman waajjira Immigreeshinii Itiyoophiyaa Moyyaalee jirutti kennuu ishee gabaasuun keenya ni yaadatama. http://www.voaafaanoromoo.com/a/3176987.html http://www.voaafaanoromoo.com/a/3176987.html Thu, 04 Feb 2016 21:41:39 +0300 OduuAfrikaaItiyoophiyaanoreply@voanews.com (Galmoo Daawit)http://www.voaafaanoromoo.com/a/3176987.html#relatedInfoContainer Taanzaaniyaan Lammilee Itiyoophiyaa seeraan ala biyyattii qaxxaamuraa turan to’annoo jala oolchite.  Lammileen Itiyoophiyaa seeraan ala Taanzaaniyaan qaxxaamuraa turan 80 ol ta’an naannoo kibba baha biyyattiitti to’annoo jala oolchan.Yeroo to’annoo poolisii fi Immigreshinii jela oolanis baqattoonni kuni, beelaafi dheebuu irraa kan ka’e baayyee miidhamanii akka ture poolisiin biyyattii beeksiseera. Yeroo ammaatis baqattoonni kuni naannoo bulchiinsa Imbeeyaa Kutaa Iriingaa jedhamtu keessatti to’annaa poolisii jela ka jiran yoo ta’u, koomishinera Kutaa keeyilaa kan taate Dr. Teehaa Irnaangaa akka Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf himtetti, warra Iriingaatti qabamanittis dabalata baqattoonni seeraan ala Taanzaaniyaa seenan naannoo Keeyilaa jedhamuttis mana hidhaa keessa akka jiran dubbatanii jirani. Itiyoophiyaan Taanzaaniyaadhaa waajjira qoonsuulaa ka hin qabene yoo taatu, dhimma kana itti aantummaan ka hordofu waajjirri qonsuula Itiyoophiyaa Naayiroobii jiru garuu waa’ee lammilee Itiyoophiyaa qabaman kanaa ifaan waanti inni dubbate hin jiru. Nutis waa’ee qabamuu baqattoota seeraan alaa lammilee Ethiopia  kanas akka dhageenyeen waajjira Qoonsuulaa Itiyoophiyaa Naayiroobii jiruuf kaafnee ka turre yoo ta’u, oduu kana nuyyuu reef isinirraa dhageenya waan ta’eef odeeffannee haala jiru isiniif himnaa jechuun dubbatanii turan. Haata’uyyuu malee haga oduu kana qindeessuuf studio seennutti, deddeebinee yoo isaan gaafannus, nama waa’ee dhimma kanaa nuuf himu argachuu hin dandeenye. Raadiyooniin VOA Waajjira Qoonsiila Itiyoophiyaa Naayiroobiitti Itti aanaa hoj raawwachiisaa dhimma diyaaspooraa kan ta’an obboo Andaarguu Berihee irra deddeebiin email fi bilbilaan argachuu yaalus yaaliin keenya milkaawuu hin dandeenye. Lammilee Itiyoophiyaa kana seeraan ala Taanzaniyaa seensisuun wal qabatee lammiin Taanzaaniyaa Alex Adam ka jedhamu to’annaa poolisii biyyattii jela kan oole yoo ta’u, waa’ee baqattoota to’annaa jela oolan kanaas Dr. Teehaaf kaafnee akka gadi fageenyaan eenyummaa isaanii hin beekne nuuf himtee jirti. Kanaan duras bara 2012 Kaaba giddu gala Taanzaaniyaa bakka Koongwaa jedhamutti, lammileen Itiyoophiyaa lakkoofsaan 40 ol ta’an konkolaataa fe’umsaan utuu deemanii sababa qilleensa dhabuutiin ukkaamamanii lubbuun isaanii darbuun isaa ni yaadatama. http://www.voaafaanoromoo.com/a/3163564.html http://www.voaafaanoromoo.com/a/3163564.html Tue, 26 Jan 2016 22:25:24 +0300 OduuAfrikaaAddunyaaItiyoophiyaanoreply@voanews.com (Galmoo Daawit)http://www.voaafaanoromoo.com/a/3163564.html#relatedInfoContainer Dhimmi Baqattoota Oromoo Torban Dhufu Mana Murtii Keniyaatti Ilaalamuuf jira. Haala Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru dheessuun gara Keniyaatti ituu baqatanii biyyatti gama kaabaa Marsaabeet keessatti qabamanii kan hidhaman barattonni Oromoo 28 dhimmi isaanii har’a mana murtii duratti ilaalamuuf ture gara torban dhufuutti akka jijjiramu kan gaafate Jaarmayaan Baqattotaa kan Tokkummaa mootummootaa(UNHCR) damee Keeniyaa ta’u beekamee jira. Kunis dhimmi baqattoota kana sirritti ilaaluu fi mirga baqattummaa qaban kabajuuf akka ta’e Keniyaatti dubbi himaan UNHCR Duuk Imwaanchaa ibsanii jiru. Kana malees Abukaatoota dhaabbata mirga baqataaf dhaabatan  gamasitti erguuf yeroo nu kenna jedha UNHCR. Waa’ee baqattoota koolu galtummaaf gara Keeniyaa dhufanii, dhuma torbee darbee mootummaan Keeniyaa immigreeshinii Itiyoophiyaatti dabarsee kenne oduu jedhu mootummaan Keeniyaa haalee jira. Waa’ee dhuma torbee darbe baqattoota Itiyoophiyaa 25 keeniyaan dabarsitee immgireeshinii Itiyoophiyaaf  laattee ilaalchisuunis Mootummaa Keeniyaatti waajjira dhimma baqattootaa DRA gaafannee kan turre yoo ta’u, dhimma kana ilaalchisuun odu himaan waajjirichaa Stanley Nyale, waa’ee waan kanaa yeroof yaada isiniif kennuu hin danda’uu jedhan. Haa ta’uyyuu malee waajjirichi yaada dhaabbata baqataa UNHCR damee Keeniyaaf kenneen, ta’een kuni akka hin taane haaleera. http://www.voaafaanoromoo.com/a/oromo-refugees-case-to-be-seen-in-kenya-court/3133763.html http://www.voaafaanoromoo.com/a/oromo-refugees-case-to-be-seen-in-kenya-court/3133763.html Wed, 06 Jan 2016 21:47:03 +0300 OduuAfrikaaItiyoophiyaanoreply@voanews.com (Galmoo Daawit)http://www.voaafaanoromoo.com/a/oromo-refugees-case-to-be-seen-in-kenya-court/3133763.html#relatedInfoContainer Baqattoonni Oromoo Humnaan qabamanii Itiyoopiyaatti deebisamaa jiru jedha hawaasi Oromoo achi jiru Mootummaan Keeniyaa lammilee Oromoo baqannaaf gara keeniyaa dhufan 25 ta’an dirqamaan Mootummaa Itiyoophiyaaf dabarsee kenne jechuun dura taa’aan hawaasa Oromoo Naayiroobii Obbo Shaggaa Araddoo Raadiyoonii VOAtti himan. Kana malees baqattoonni Oromoo silaa gara keeniyaa seenuuf deemaa turan 41 ta’anis to’annaa jela oolaniiru. Dubbi himaan Dhaabbata Baqataa UNHCR damee Keeniyaa Mr. DUUK IMWAANCHAA dhimma kana ammaaf quba hin qabnuu garuu waan jedhamu kana hordofnee kan bira geenyu ta’a jechuun VOAf ibsaniiru. Baqattoota Oromoo 12 gaafa jimaataa darbe 13 immoo Wixata ture mootummaan Keeniyaa dabarsee waajjira immiigreeshinii Itiyoophiyaa Moyyaalee jirutti dabarsee kan kenne. Obbo Shaggaa Araddoo dursaan hawaasa baqattoota Oromoo Naayiroobii raadiyoo sagalee Ameerikaaf akka ibsanitti, mootummaan Keeniyaa rakkoo baqattoota kanaa gadi fageenyaan osoo hin ilaalin dabarsee mootummaa Itiyoophiyaaf kennuun waan nama gaddisiisu jedhan. Obbo Shaggaan akka jedhanitti Namni tokko daanagaa keeniyaa seennaan gaaffii tokko malee immigreeshinni Keeniyaa qabee Immigreeshina Itiyoophiyaaf kennaa jiraa.  Fakkeenyaaf raga qabatamaa argameen dhiyoo kana nama 12 qabee immigreeshina Itiyoophiyaatti kennee, kaleessa immoo ijoollee 12 mana murtii Meeruutti dhiyaatanii turani, gara biyyaatti akka deebifaman taasisaman jedhanii, immigreeshina Itiyoophiyaa Moyyaalee jirutti erga kennamanii booda, Wixatuma darbe ijoollee sadii qabanii Immigreeshina itiyoophiyaatti kennan jechuu dha. Waanni amma godhamaa jiruu namni tokko daangaa cabsee as seennaan, gaaffiin biraa hin jiruu qabanii achi deebisuu callaadha jedhan obbo Shaggaan. Dhimma kanas dubbi himaa jaarmayaa baqataa UNHCR ka damee Keeniyaa irraa MR. DUUK IMWAANCHAA, waa’ee kana quba qabaachuu isaanii gaafatamanii ammaaf waantin dhagaye jiraachuu baatus garuu itti adeemnee hordofnee beeksifna jedhan. Gama biraan immoo sanbata darbe saba himaaleen keeniyaa humnootni nageenyaa itiyoophiyaa daangaa keeniyaa cabsanii seenuun lammilee keeniyaa lamaa fi meeshaa waraanaa fudhatanii miliqan jechuun gabaasaniiru.  Gaazexoonni Keeniyaa Daily Nation fi The standard jedhaman akka gabaasanittii, Kutaa bulchiinsa maarsabiit ganda Borii jedhamtu keessatti sanbataa ganama gara sa’aatii lamaa humnootiin hidhatan kan mootummaa Itiyoophiyaa gocha kana akka raawwatan koomishinera Maarsabiit Moofaat Kaangii wabeeffachuun gabaasaniiru. Dhimma kana ilaalchisuun Mootummaan Keeniyaa ifaan waanti inni dubbate jiraachu baatus Koomishiner Kaangiin garuu waanti kuni karaa diippiloomaasiitiin kan hordofamu ta’aa jechuun dubbatan. Dhuma waggaa darbees mootummaan Itiyoophiyaa miseensota poolisii keeniyaa sadii daangaa keeniyaa darbee seenuun ajjeesuu isaa gaazexoonni kuni gabaasa isaanii keessatti dabaluun gabaasaniiru.   http://www.voaafaanoromoo.com/a/kenya-deported-oromo-refugees/3132154.html http://www.voaafaanoromoo.com/a/kenya-deported-oromo-refugees/3132154.html Tue, 05 Jan 2016 21:22:18 +0300 OduuAfrikaaItiyoophiyaanoreply@voanews.com (Galmoo Daawit)http://www.voaafaanoromoo.com/a/kenya-deported-oromo-refugees/3132154.html#relatedInfoContainer Keniyaa Keessatti Musliimonni Kiristaanotaaf Dahoo Ta’uun Al-shabaab Irraa Oolchan Keenyaa Kaaba Bahaa naannoo Mandheeraatti kaleessa dhukaasa konkolaataa geejjibaa irratti Alshabaab dhukaase jedhameen lubbuun nama lamaa darbee; namootni shanimmoo madaa’ani. Imaltoonni musliimaa konkolaaticha keessa turan Kiristaanota ajjeefamuuf turan dhoksuun lubbuu isaaniis beekamee Magaalaan mandeeraatti dhaqqabe reefuu waggaa guuta, ajjeechaa yeroo sanaatiin namootni 28 du’uun kan yaadatamu yoo ta’u, kaleessas haaluma wal fakkaatuun hidhattoonni miseensa Alshabaab ta’uu hin hafne jedhamanii shakkaman namoota gara Nairobi dhufan irratti balaa dhaqqabsiisaniin lubbuun nama lamaa darbee shanimmoo miidhaan qaamaa irratti dhaqqabeera. Gaazexaan Keeniyaa “Daily Nation” jedhamu akka namoota achi keessa turan waabeffatee gabaasetti, hidhattoonni balaa kana geessisan achii as bahuun dhukaasa imaltootatti bananiin miidhaa geessisani. Sana boodas namoota amantaan filuuf yoo warra musliimaa imala sanarra turan foo’uuf jedhan hordoftoonni amantaa Islaamaa achi keessa turan garuu adda ba’uu diduun Kiristaanota konkolaataa sanirra isaanii waliin turan hambisaniiru. Bulchaa Kutaa Mandeeraa kan ta’an Mr. Abdurraahimaan Roobaas namootni naannoo sanaa warra musliima hin taanerraa adda bahuu diduudhaan itti iyyanii namoota miidhaa geessisuuf dhufan kana balaa cimaa osoo isaan hin geessisin hambisaniiru jedhan. Gargaaraan konkolaatichaa balaa kanaan lubbuun isaa yoo dabartu, konkolaachisaa konkolaatichaa irras balaan xiqqaan dhaqqabuun isaa Gaazexaan Daily Nation gabaaseera. Itti gaafatamaan dhimma nageenyaa biyya keessaa ka Keeniyaa Mr. Joseph Inkaayiserii namootni kun adda wal foyuu diduun gocha gaarii hojjetan jechuun dubbatan “Hundumti keenya lammilee keeniyaati. Amantiidhaan gargar hin qoodamnu, namni fedhe amantii fedhehordofuu  danda’a garuu nuti, lammilee tokko. Nuti obboleeyyani , obboleewwan keenya kan ta’an hawaasni muusliimaa dhaamsa gaariidha nuuf dhaaman” jedhu Namootni balaan irra gahe kuni kaan isaanii kabaja ayyaanaatiif gara Nairobi kan dhufaa turan yoo tahu, kabaja ayyaana gannaa guyyoota muraasaan booda kabajamu ilaalchisuun eegdonni mootummmaa biyyattii karaa hundaan hordoffiirra jiraachuu isaanii Mr Inkaayiseeriin dubbataniiru. Bara 2013 as qofaa lammileen keeniyaa 327 ta’an balaa Alshabaab qindeesseen lubbuu isaanii dhabaniiru.   http://www.voaafaanoromoo.com/a/muslims-shelid--christians--al-shabaab-attack/3113936.html http://www.voaafaanoromoo.com/a/muslims-shelid--christians--al-shabaab-attack/3113936.html Tue, 22 Dec 2015 22:35:43 +0300 OduuItiyoophiyaaGabaasaalee/Sagantaalee Addaanoreply@voanews.com (Galmoo Daawit)http://www.voaafaanoromoo.com/a/muslims-shelid--christians--al-shabaab-attack/3113936.html#relatedInfoContainer