Roobii, Bitootessa 16, 2016 Local time: 14:44
Audio
Multimedia
VOA60 Africa
VOA60 World
Kuusaa Suuraalee

    Oduu / Itiyoophiyaa

    Mormii Oromiyaa Ji'a Afraffaa Qabaterratti Gabaasa Hiiwmaan Raaytis Waachi (HRW) fi Ibsa Hoggantoota Itoophiyaa

    Mormmii Barattotaa, Universiiti Haramayaa (Suuraa Faayilii)
    Tigist Gammee, Salem Solomon

    Dhaabbanni Mirga Dhala Namaatii Falmu, Hiiwmaan Raaytis Waach (HRW) mormmii Oromiyaa keessaa ji’a afraffaa qabaterratti gabaasa dheengadda baaseen humootni mootummaa warra karaa nagahaatin mormii dhiheefatan irratti dhiibbaa fi tarkaanfii hammaataa fudhachu itti fufeera jedha.

    Mataduree ‘Addabbi fi tarkaanfii mormitoota irratti fudhatu ituma fufe,’jedhun han bahe gabaasni fuula 10 qabu kun qorattoonni dhabaa kanaa Oromoota mormii irratti hirmaatan 60 fi han hidhamaan 20 dubbisuu isaani agarssisa.

    "Motumaan Itiyoophiyaa luugama humnoota isaa qabuu qaba," Addeee Leeslii Leefkoo.

    HRW-tti, itti aantuu direekterii Damee Afrikaa, addeee Leeslii Leefkoo “Mootummaan Itoophiyaa humnoota eguumsa nagaa isaa baayinaan Oromiyaatti bobbaasuun isaa akka warrii hangoo irra jiran mormii baratoonni, qonnaan bultoonnii fi namoota yaaada addaa qaban han mormiidha bahaan hundaaf gurra hin qabaanne agarsiisa," jette, " Muumicha Ministera Itoophiyaa Hayilee Maariyam Dessaalenyi namoota jeequmsa kanaaf sababa ta’an irratti “tarkaanfii irra deebii hin qabne” fudhanna jechuun isaa hin yaadatama, kana ati akkamitti laalta gafii jedhuuf yeroo deebistu “jechoota akkana fayyadamuun kun tarkaanfi humnootni motumma fudhatan kanaaf sababa jedheen yaada, sirris miti” jeteeti.

    Ta'us Mumuchi Ministera Itoophiyaa ibsa gaazeexeessotaf dheengadha kennanirratti mootumaan tarkaanfii barbaachisu hunda fudhachuu akka itti fufu dubbatanii  "humnii baddii kun biyaa keenyaa fi diinagdee ishii irratti hubaatii guddaa oddoo hin geechisin tarkaanfii keessa deebii hin qabnee, akkuma heerri biyyitti eyyamutti fudhachuun akka nuraa jiru argineera. Humnoonii dhiphumaa, oftuulumaa fi biyyitti addaan qooduuf hojjatan walitti heerumani wajjin hojii hojjatan ta’u irra geenyerra. Kayyoon isaanis jeequmsaan motummaa garagarchuu dha,” jedhan.

    Haaluma wal fakkatuun , BBC wajjin gaafiif deebi han godhan Ministerrii Koominikeshinii biyyittii,obboo Geetaachewu Raddaa, “mormiin Oromiyaa itti fufeera jechuun soba,HRW baar-gama taa’ee gabaasni baasu kun kan dhuugarra fagaate,” jedhaniiru.

    Gabaasni HRW baase kun Gamtaan Awroopaa ji’a Ammajii keessa murtoo jabaa baase irratti akka qaamnii dhimmaa kana qoratu dhaabatuu gaafachuudhaaf Yunaaytid Isteetis(USA) mariin mootummaa fi ummata edduutti akka geggeefamu ibsa yeroo lama baheen gaafachuu yaadachiise, biyyoonni akka US fi UK, han michooma biyya Itoophiyaa wajjiin qaban gochaa kana balaaleffachuudha fi dararaan ummata irra gahaa jiru kun qaama motummaan harka keessaa hin qabneen akka qoratamu gafateera.

    Pireezdaantiin Naanoo Oromiyaa Ummanni keenya Deeb'ee Akka walitti Ititu Waliin Haa tumsinu jedhan.

    Karaa biraatin Pireezdaantiin nannoo Oromiyaa obbo Muktar Kadiris harra marii Arsii Lixaatti bakka bu’oota ummata wajjins taasifame jedhameeratti rakkoolee bulchiinsa gaarii jiruu hiikudhaaf irratti hojjana jedhan.

    Gabaasni ballaan dheengadda dhaabbata mirga namaattif falmuun bahee kun humnootni mootummaa akkuma fe’anitti ummata hiiriira bahe irratti dhukaasani, namoota baayyees hidhaatti guuranii daraaraa guddaa irran gahaa jira, dubartoonni hidhaman humnoota mootummaa achii keessa hojjataniin akka gidiraan saala irra gahuus eerera.

    Karaa biraatin Hoggantoonni eeggumsa nagaa mootummaa biyyittii,han qoratoonni HRW  Amajjii darbe dubbisne jedhan immoo namoota hawaasa keessatti dhageettii qaban irratti xiyeeffachuun kayyoo keenya: Oromoota ummataa isaani biratti kabaja qaban, barattoota ciccimoo, barsiistota, artiistoota fi warra akka Baqqalaa faa han ummata of-duuba hiriirsuu danda’an irratti xiyyeefachuun hojii keenya jechuu isaanii gabaasa HRW kanarratti himameera.

    Gabaasni sagalee kunooti
    Gabaasni sagalee kunootii
    ▶ || 0:00:00
    ... ⇱  
    • MP3 - 3.7MB
    • MP3 - 953.1kB
     
     
    X

     

    Comment Sorting
    Comment on this forum (108)
    Comments page of 11
     Previous   Next 
    by: sabontu Arsii
    25.02.2016 17:36
    Report
    Hujiin kessan bayee nama gammachisa kanaf amas jabadha..isiin hordofna


    by: johar mohammed umar
    25.02.2016 17:35
    Report
    Yaadni kiyyaa qophiin afaan oromoo sila tv Dan nuf da4sitan sa,attiille nuf dabaala ttin gariidha


    by: Girmaa Shifarraa
    25.02.2016 17:29
    Report
    sagantaa is in dhi'essitan baay'een hordofa odeefannoo sirriin irraa argadhas jabaadha jajjabaadhan is in in jedha Uummatni Kenya isinuma Aqaba.


    by: Anonymous
    25.02.2016 16:04
    Report
    akanumati itifufaa bayee bayee garii


    by: Habtamu reta
    25.02.2016 13:16
    Report
    Isin sagalee saba keenyaati nu jabaadhaa bilisummaan galaa


    by: Ziyad umar
    25.02.2016 13:14
    Report
    Yanniko dalagaa argatuudha


    by: Ziyad umar
    25.02.2016 13:12
    Report
    Yanniko dalagaa argatuudha


    by: qadirayookiinjilo qooco
    25.02.2016 13:08
    Report
    oromonibiiyyakeessafibiiyya alaajirtanhudikeessanbillisumanqabsonykndhiigaanmaalehindhuftu isin haabeysisun isinijedha


    by: Anonymous
    25.02.2016 12:47
    Report
    Yaada Kee


    by: Magarsa
    25.02.2016 12:19
    Report
    qophiin keessaan namatti tolaa Sa'atii utuu dabaltanii

    Comments page of 11
     Previous   Next 

    More By This Author

    • Milishoonni Al Shabaab ta’u Hin Oolle Somaaliyaa Keessatti Sochii Godhan
    • Muummicha Ministiraa Itoophiyaa: Mootumman Federaalaa Waan Ta'e Kanaaf Ummata Keenya Dhiifama Gaafata
    • Beela Itoophiyaa fi Gargaarsa USAID
    • Miseensi Bakka - Bu'oota Ummataa Godina Miniisootaa Tarkaanfii Hammaataan Mootummaan Itoophiyaa Mormitoota Irratti Fudhate Yaaddessaa Dha Jette.
    • Bu'aan Qonnaan Bultoonni Buna Oomishan Argatan Gadi Bu’aa fi Han Fooyyee Barbaadu Jedhan
    More Articles
    Most Viewed
    1. Muummee Ministeraa:Waan Oromiyaa fi naannoleetti ummata garaa haammeesse mootummaatti itti gaafatama
    2. Rooytersi(Reuters):Barattootii Yuniversitii Finfinnee Embaasii Amerikaa Duratti Hiriira Bahan
    3. Mormii Oromiyaa, Tarkaanfii Mootummaa fi Hangoo Irraa Kaafamuu Hoggantootaa Irratti Ogeessi Seeraa Maal Jedha?
    4. Gaazexeessitota biyya lamaa Itoophiyaa keessatti saatii 24 hidhanii gadi dhiisan
    5. Angaawonni Dh.D.U.O Lama Hujii Irraa Buusaman
    Most Listened
    1.  Gaafii fi deebii Dr.Tsaggaayee Araarsaa wajjin goone dhaggeeffadha.
    2.  Gabaasa guutuu dhaggeffadha.
    3.  Gabaasa Guutuu Caqasaa.
    4.  Gabaasa guutuun kunooti
    5.  Tana caqasaa