Kibxata, Bitootessa 15, 2016 Local time: 16:24
Audio
Multimedia
VOA60 Africa
VOA60 World
Kuusaa Suuraalee

    Oduu

    Hiriira Oromiyaa Magaalaa Golgootaa,Hiddii-Lolaa,Dolloo Mannaa,,Daaroo Labuutti Bahanii fi Deebii Bulchoota Naannoo

    Mormii Oromiyaa, Guraandhala 2016
    Soraa Halakee, Jaallannee GammadaaTuujubee Horaa

    Godina Baale magaalaa Dolloo Mannaa keessatti Sambata dhufu hiriira ba’uuf mariin akka jiru bira ga’amee waraanni biyyatti barattoataa fi uummata magaalaa keessa deemu qabanii reebicha irraan ga’aa akka jiran jiraattonni dubatanii jiru.

    Roobii galgalaa jalqabee  dargaggotaa fi kanneen biroos mana isaanii keessaa seenanii harkisanii baasuun kan dhaananii fi hidhan ta’uu jiraattonni dubbatanii jiru. Reebicha irra ga’een kanneen mana yaalaa seenanii wal’ansa argataa akka jiran dubbatan.

    Itti aanaa bulchaan magaalaa Dolloo Mannaa Obbo Ashanaafii Haayiluu hiriirri mormii akka turee fi rakkoon akka mudate ibsanii jiru. Garuu humna kamiin iyyuu tarkaanfiin fudhatamee hin jiru, ijoollee wajjiin marii gaggeessinee rakkoon furameera jedhan.

    Godina Arsii Bahaa aanaa martii magaalaa Goolgotaa keessatti miseensa Dhaabbata Dimokraatawaa Uummata Oromoo kan turan fi bulchaan ganda Waxichaa Dolee kan turan Obbo Gabii Badhaasoo torban darbe aangoo eega gadhisanii booda humna nageenyaan butamanii fudhatamuu jiraattonni ibsanii jiru.

    Obboo Gabiin gara Adaamaatti sana booda immoo gara Finfinneetti geessamuun Roobii kaleessaa fi Kamiisa har’aa mormii kaasisee jedhu jiraattonni.Mormii gaggeeffameen dargaggonni shan qabamanii mana hidhaa Abboomsaatti ergaman jedhu. Bulchaa magaalaa Golgootaa Obbo suulxaan Huseenii fi bulchaan aanaa martii Obbo Wadoo Mannaa deebii akka kennan kan gaafataman ta’uus fedhii hin agarsiifne.

    Jiraattotii godina Booranaa aana Miyoo magaala Hiddii-Lolaa hardha barattootan walti dabalamanii magaalaa isaanii keessatti hiriira bahanii rakkoo jedhan himatan.

    Akka warrii Hiddii dubbifne jedhutti ummatii ganamaanuu magaala keessatti hiriira bahee;Mirgii abbaa biyyummaa haa nuu mirkanaahuu,ka hidhame haa bahuu,ka ijjeefameef gumaan haa bahuu jedhee gaafate.

    Poolisiin ammoo akka jiraattotii jedhanitti nama hiriira bahe kaan hidhaa,kaan dhaanaa, kaan gaazii imimmaan ilaa nama ooftu itti afuufe.

    “Barattoota yuniverstii baratan dabalee nama 10-15 tahutti hidhamee arge,” jedha namii maqaa himachuu hin fedhin tokko.Bulchaan aanaa Miyoo,obboo Jemberuu Aberraa hujii Finfinnee deemee oduu qulqullittii qabaachuu baadhullee barattootatti seera malee hiriira bahan jedhan jedha.

    Jiraattotii godina Booranaa aana Miyoo magaala Hiddii-Lolaa hardha barattootaan walti dabalamanii magaalaa isaanii keessatti hiriira bahanii rakkoo jedhan himatan.

    Akka warrii Hiddii dubbifne jedhutti ummatii ganamaanuu magaala keessatti hiriira bahee;Mirgii abbaa biyyummaa haa nuu mirkanaahuu,ka hidhame haa bahuu,ka ijjeefameef gumaan haa bahuu jedhee gaafate.

    Poolisiin ammoo akka jiraattotii jedhanitti nama hiriira bahe kaan hidhaa,kaan dhaanaa, kaan gaazii imimmaan ilaa nama ooftu itti afuufe.

    “Barattoota yuniverstii baratan dabalee nama 10-15 tahutti hidhamee arge,”jedha namii maqaa himachuu hin fedhin tokko.

    Bulchaan aanaa Miyoo,obboo Jemeberuu Aberraa hujii Finfinnee deemee oduu qulqullittii qbaachuu baadhullee barattootatti seera malee hiriira bahan jedhan jedha.

    Godina Harargee Lixaa aanaa Daroo labuu magaalaa Milqaayee keessatti har’a hiriirri mormii guddaan geggeessamee nagaan xumuramuu jiraattonni nuuf ibsanii jiru.

    Gabaasa guutuu armaan gaditti dhaggeeffadhaa.
    Gabaasa guutuu armaan gaditti dhaggeeffadhaa.i
    ▶ || 0:00:00
    ... ⇱  
    • MP3 - 15.9MB
    • MP3 - 4.0MB
     
     
    X
    Comment Sorting
    Comment on this forum (109)
    Comments page of 11
     Previous   Next 
    by: Lalisaa
    26.02.2016 21:14
    Report
    Freedom is nearer than tommorrow!.


    by: Lalisaa
    26.02.2016 21:13
    Report
    Freedom is nearer than tommorrow!.


    by: Lalisaa
    26.02.2016 21:13
    Report
    Freedom is nearer than tommorrow!.


    by: Anonymous
    26.02.2016 21:06
    Report
    Yaada Kee yaadni,kiyaa baraatootaa keenyaa nuuf.haahikamuu,ajeechaafi,Reebiichi,Nurraa hadhaabaatuu Mirgii,keenyaa,Nuuf haaegamuu


    by: musxafaa
    26.02.2016 21:05
    Report
    motumaka buqasqabna


    by: Ibsituu salaalee
    26.02.2016 20:50
    Report
    Godinaalee oromiyaa keessa jiran, hundii FDG yeroo gaggeessuu, godinni salaalee garuu fdg kan hin geggessine ta'u isaa nama gadisisa, garuu boruu seenaan nu gaafata.


    by: Diinayaas Tasfaayee
    26.02.2016 20:45
    Report
    Warri voa qophiin keessan gaaridha garu haala oromiyaa keessa jiruuf furmaata maaltu ta'a jettu?


    by: Ar
    26.02.2016 20:35
    Report
    Iyaan alaa


    by: Ja
    26.02.2016 20:33
    Report
    Yaada Kee


    by: roobel muli'ssa
    26.02.2016 20:19
    Report
    mottummaan abbaa hiiree uumata oromoo qabeebya issa saame ajeesufi hidhaa jiraa...garu waan baru qabuu ajeesuun ilmaan oromo qabso oromo ni ciimsaa male hin laafisu waan gocha baddi kana gatti itti baasa!!
    IUO

    Comments page of 11
     Previous   Next 
    Most Viewed
    1. Muummee Ministeraa:Waan Oromiyaa fi naannoleetti ummata garaa haammeesse mootummaatti itti gaafatama
    2. Rooytersi(Reuters):Barattootii Yuniversitii Finfinnee Embaasii Amerikaa Duratti Hiriira Bahan
    3. Mormii Oromiyaa, Tarkaanfii Mootummaa fi Hangoo Irraa Kaafamuu Hoggantootaa Irratti Ogeessi Seeraa Maal Jedha?
    4. Gaazexeessitota biyya lamaa Itoophiyaa keessatti saatii 24 hidhanii gadi dhiisan
    5. Angaawonni Dh.D.U.O Lama Hujii Irraa Buusaman
    Most Listened
    1.  Gaafii fi deebii Dr.Tsaggaayee Araarsaa wajjin goone dhaggeeffadha.
    2.  Gabaasa guutuu dhaggeffadha.
    3.  Gabaasa Guutuu Caqasaa.
    4.  Gabaasa guutuun kunooti
    5.  Tana caqasaa