Sanbata Diqqaa, Hagayya 02, 2014 Local time: 01:49
Audio
Multimedia
 VOA Afaan Oromoo
 VOA Amharic
 VOA Tigrigna

VOA60 Africa
VOA60 World
Kuusaa Suuraalee

Oduu

Jermen, Waluma Irra Marsitee Biraazil Taphaan Jaanjessitee 7-1 Garaftee Dorgommii Addunyaatii Baaftee Ufii Ammoo Itti Dabarte

x
Soraa Halakee

Biraazil guyyaan kun hin dhufaa jettee hin eenne.Keessumattuu yoo biyyaa fi biyyee isii irratti dorgommii Waancaa Addunyaa bara hagam itti qophahaa baate kanatti. Taatullee Biraazil tapha Jermenii waliin taphattu irratti Neeymaar, fi Thigo Silvaa dhabuun isii nama hedduuyyuu akkuma du’aa yaaddessaa bahe.

Qabbana sodaatanii bisaan bu’uu hin dhiisanii baanananii,ta sodaatanilleen hin oollee  Jermeniin biyya nugusa kubbaa miilaa jedhaniin,Biraazila  daqiiqaa 18 keesatti goolii shanitit itti guurtee awwaara itti qotte.Yoma taphii jalqabeeyyuu Jermeniin Biraazikl kubbaa ilaan arguu dhoorte fakkaatti. Kubbaa walumatti kennaa,Biraazil joorsani jajaanjessan.

Goolii qaraa  taphataa Jermenii Mulleritti daqiiqaa 11 irratti keessa buufate, Kholsi daqiiqaa 23eessootti itti dabale,Kroos daqiiquma tokko qofa jalaa hafee innilleen tokko irra buusee sadii galte.Kroos daqiiquma lamaa qofa jalaa hafee ammallee tanaan lammeeffachoo jedhee daqiiqaa 26essoo irratti goolii lammeessoo galfate.Khediraalleen eennutti dhaba gala re’e jedhe fakkaataa gamaa buruurrachaa dhufee daqiiqaa 29eesso keessatti gooli tokkoo galfatee daqiiqaa 29 keesatti Jermeniin goolii shan neettii Biraazilitti guurte.

Boqonnaan duuba ammoo Schürrle daqiiqaa 10 keesatti gooli lama galfate,ta qaraa daqiiqaa 69esso irratti ta lammeessoo ammoo daqiiqaa 79essoo irratti galte.Taphataan Chelsea kun boqonnaan duubatti jijjiiranii seene.Biraazililleen tokkollee taatu dhaba hin gallee daqiiqaa 90essoo irratti taphtaan isii Oscar daqiiqaa 90eessoo irratti goolii  tokkoo galcheef.

Yoo Jermeniin biyyumaa fi biyyee Biraazil keesatti biyya nugusa kubbaa jedhaniin taan akkana saree itti qaltu kana gumiin kuma hedduu ta Biraazil deeggarttii istaadiyoomii Estadio Mineirao baafatte taan kaan harqee boohaa,kaan ammoo harka maratee miila diriirfatee hirkatee taaha,kaan harkatti afaanit goge,kaan cuqii cuquriilleen afaanii hin baatu ufuma iluma ququlba.

Ka TV laaluu fi dirree taphaa keessaa jiruu waan jedhu dhabee gumiin balloon caqalli jettee maalayatti  taphataan beekamaan Biraazil,ka cinaachii caphee wasaasaan fuudhanii dirree taphaatii galchan,Neymar.Fuluma   ciisuutti ykn taahutt waan innii tahu tahu garaan numa arga.Thaigo Silvaa ka seera taphaa balleesse jedhanii adabanillee sunuma.

Biraazil akkana fuula addunyaa duratti dhaanamuu tana ganna 39 keesstti argitee hin beettu.Abdiin isiin istaadiyoomii isii Maracanaatti waancaa addunyaa Sanbata dhufu taphachuuf qabaatte barana hin taaneef.

Biraazil bara1920 keessa dorgommii Copa America irratti Uraagaayin moohmate.Biraazil ganna 12 asitti akkana biyyaa fi biyyee isiitti moohamtee hin beettu.

Biraazil,biyyitii kubbaa miilaa akka waan ilmee dhaltee jaalattu akkana moohamuun leenjisaa Isii Scholarif dhiisi dhaloota dhufullee garaa hin badu.

Adoo tana jennuu bara 1954 West Germany Australi’a 6-1 garaftee baaftee asitti akkana dorgommii waancaa addunyaa ta biyyitii 4 walti hafte irratti goolii  heddun akkana wal moohanii hin beekan.

Woma taateefuu bara tokko moo’anii bara tokko mooganii,Biraazil waan asiin duratti moo’ate mi’eeffachaa ta baranaa ammoo hadheeffachaa jiraatti.

Jermeniin ammoo tana waliin marroo afreessoof waluma faana waancaa addunyaatii dabartee gammachuun waancaa Awurooppaatiin galuuf kurfoo jirti.Itti aantee Arjentiinaa ykn Nezeralaandisi waliin taphatti.

Dorgommii Waancaa kubbaa miilaa addunyaa bara 2014 Snabata itti yaanu kana dhumattii haga ammaatti goolii 167tti gale,borii Arjentiinaa fi Nezerlaanditti waliin taphata.

Warrii moohatee lafa dhiitaa qiliixamaa dorgommii itti aanutti dabraa warrii moohame ka akka Biraazil faan ammoo mataa buusaa,eegee luuxxessaa gara itti galanitti galana.Woma taateefuu kun moohuuf moohamuun amala ispoortiiti.

Oduu Afaan Oromoo 1730

Oduu Afaan Oromoo 1730

Sagantaa isa dhumaa dhaga'aa


 Wixata Mp3
 Kibxata Mp3
 Roobii Mp3
 Kamisa Mp3
 Jimaata Mp3

 

Afaan Oromoo Audio Archives

Amharic and Tigrigna News

  • VOA60 America
  • VOA60 Africa
  • VOA60 World
More
Most Viewed
  1. hawaasa Oromoo Roobii dabre irraa eegalanii nyaataa fi dhugaatii lagachuun mormii dhageessisaa jiran.
  2. Dimookiraasii Itiyoophiyaa: Tarkaanfii Tokko gara Fuul-duraatti Lama gara Boodaatti
  3. Dargaggoota Afrikaa fi Prezidaant Obaamaa as Waashington DCtti
  4. Hoogganaa ta'uun uummata ofii ofitti qabuu malee taayitaa qabatanii taa’uu miti
  5. “Hegereen Afriikaa harka Dargaggootaa jira” jedhan Giifti dureen Ameerikaa
Most Listened
  1.  Oduu Afaan Oromoo 1730
  2.  Oduu Afaan Oromoo 1730
  3.  Oduu Afaan Oromoo 1730
  4.  Oduu Afaan Oromoo 1730
  5.  Oduu Afaan Oromoo 1730